Dhaabbileen amantaa qaamolee marii biyyaalessaa keessatti hin hirmaanne hirmaachisuuf gahee qabu- Komishinicha

You are currently viewing Dhaabbileen amantaa qaamolee marii biyyaalessaa keessatti hin hirmaanne hirmaachisuuf gahee qabu- Komishinicha

AMN PLUS-Sadaasa 23/2018

Komishiniin Marii Biyyaalessaa dhaabbileen amantaafi waldaaleen Siivilii ijaarsa biyyaafi nageenyaa amansiisaa mirkaneessuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiheesse.

Komishinichi bakka buutota dhaabbilee amantaafi waldaalee Siivilii waliin mari’achaa jira.

Komishiiniin marii biyyaalessaa biyya keessaa hanga biyya alaatti yaadota madda walitti bu’iinsaa ta’an walitti qabaa turuu Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessa Piroofeesar Masfin Ara’aayaa yaadachiisaniiru.

Kaayyoon marii kanaas qaamolee sababa gara garaan marii kana irratti hin hirmaanneef haala mijeessuu ta’uu dubbataniiru.

Hanga ammaatti, Yaadni jiraattota Naannoo Tigraay, paartilee siyaasaa muraasaafi qaamoolee hidhachuun naannolee gara garaa keessa socha’an irraa akka ajandaan walitti hin qabamne ibsaniiru.

Piroofeesar Masfin, abbootiin amantaa qaamolee marii biyyaalessaa keessatti haga ammaatti hin hirmaanne hirmaachisuuf gahee akka qaban himaniiru.

Nageenya waaraa biyyatti keessatti mirkaneessuuf Komishinichi kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsanii, qaamoleen marii kana keessatti hin hirmaanne akka hirmaataniif hunduu tumsuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Geetaahun Katamaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply