Ergaa Guutuu Kantiibaa Adaanech Abeebee
Ayyaanni Cuuphaa kan hordoftoota amantaa Ortodoksi Tawaahidoo qofa osoo hin taane hambaa Kiliyaa qabeenya addunyaatti jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech haala kabaja Ayyaana Cuuphaa ilaalchisee abbootii Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo fi koree qophii ayyaanichaa waliin mari’ataniiru.
Haala qophii waliigalaa ilaalchisee marii bu’aa qabeessa taasifneerra jedhan.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ayyaanni dirree kun akkuma ayyaanota biroo akkaataa duudhaa isaa eegeen akka kabajamu tumsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu Aadde Adaanech mirkaneessaniiru.