Ayyaanni Cuuphaa milkaa’inaan xumurameera- Poolisii Federaalaa

You are currently viewing Ayyaanni Cuuphaa milkaa’inaan xumurameera- Poolisii Federaalaa

AMN PLUS- Amajjii 11/2018

Kabajni Ayyaanni Cuuphaa bara 2018, Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii hundumatti milkaa’inaan xumuramuu Poolisiin Federaalaa beeksise.

Poolisii Federaalaa, qaamolee nageenyaa biroo waliin qindaa’uun, eegumsa teekinooloojiin deeggarame taasisaa turuu eereera.

Bu’iura ergama biyyaalessaa fudhateen nagaafi tasgabbii uummataaf dursa kennuun ayyaana Kataraa irraa eegalee haga ayyaanni Cuuphaa xumuramutti eegumsa gahaafi amansiisaa gochaa turuu ibsa AMN’f ergeen beeksiseera.

Hoggantootaa fi miseensotaa poolisii ergama biyyaalessaa kennameef bu’uureffachuun nageenya uummataaf dursa kennani Kataraa irraa eegalee bakkeewwan adda addaatti eegumsa cimaa raawwachuun ayyaanichi milkaainaan akka xumuramu gumaachaniif Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa galateeffateera.

Abbootii amantii, qindeessitoota ayyaanichaa, hordoftoota amantichaa fi dargaggoota qaamolee nageenyaa tumsanii fi deggeranis Poolisiin Federaalaa galata galchaa, ayyaanni “Qaanaa za Galiilaa” guyyaa boruu kabajamus akka milkaa’inaan xumuramuuf hawaasni akkaatama baratameen tumsa isaa akka itti fufu dhaameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply