AMN PLUS – Amajjii 14 / 2018
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa, Itoophiyaan Chaayinaa, Biraazil fi Afrikaa Kibbaa waliin namoota yakkaan barbaadaman dabarsanii kennuu fi murtoo hidhaa dabarsuuf waliigaltee taasifte akka ragga’u murteesseera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa 6ffaan, walgahii idilee 9ffaa bara hojii 5ffaa, geggeesseera.
Walgahii kana irratti, waliigalteewwan mootummaa Itoophiyaa Chaayinaa, Biraazil fi Afrikaa Kibbaa waliin mallatteesse kanneen namoota yakkaan barbaadaman waliif dabarsuurratti xiyyeeffatan qoratee sagalee caalmaan raggaasiseera.

Akkasumas, mootummaa Itoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti waliigaltee tumsaa seeraa waliinii dhimma yakkaa irratti taasifame labsii qabiyyee Mana Mareen sagalee caalmaan mirkaneesseera.
Itoophiyaan biyyoota adda addaa waliin hariiroo daldalaa, invastimantii fi tumsa bal’isaa deemuun waliigaltee seeraa akkasii gochuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.
Bu’uura waliigaltee kanaatiin, Itoophiyaan biyyoota BRICS sadii waliin dhimma yakkaa irratti tumsa seeraa waliinii kan taasisan yoo tahu, namoota murtii fudhatanii fi akkasumas yakkaan barbaadaman dabarsitee ni kennite, ni fudhattis.