AMN PLUS-Amajjii 18/2018
Qulqullinaafi miidhagina Magaalaa Finfinneef gufuu ta’aa kan turan beeksisoota seeraan alaa kan dirree keessaa kuma 29 ol ta’an irratti tarkaanfin akka fudhatame Abbaan Taayitaa Eeyyama Ijaarsaafi To’annoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Taayitaaa Eeyyama Ijaarsaafi To’annoo Magaalaa Finfinnee Taaddalaa Dammakoo (PhD) AMNtti akka himanatti, misooma kooriidarii hordofuun beeksisoota dirree keessaa kan miidhagina magaalattii balleessan kaasuun beeksisoota dijitaalaa ammayyaa ta’anin bakka buusuuf hojiin bal’inaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru

Ji’oota jahan darban ogeeyyii to’annoo fi hoggantoota seeraafi danbii hin kabajiin dabalatee, abbootii gamoo, kontraaktaroota, gorsitoota fi misoomsitota riil-isteetii irratti tarkaanfii fudhatameen birriin miliyoona 129 adabbiin akka kaffalame ibsaniiru.
Ji’oota jaha darban gamoowwan kuma 39 ol irratti hojii nageenya eegsisuu akka raawwatame kan ibsan Dooktar Taaddalaan, qaamoleen ijaarsa gamoo irratti bobba’an gamoo ijaaramaa jiran sirritti haguuganii ijaaruu, hafteewwan ijaarsaa sirnaan kaa’uufi fi dhabamsiisuu akkasumas nageenya hojjettootaaf xiyyeeffannoo kennuu akka qaban hubachiisaniiru.
Miidhagina magaalattii fi nageenya jiraattotaa eegsisuuf hojiin to’annoo cimee akka itti fufu Itti Gaafaatamaan Waajjirichaa beeksisaniiru.
Shittaahun Mangisteetu gabaase.