AMN PLUS – Amajjii 19/2018
Ergamni Raayyaa Ittisaa yeroo isaa waliin wal madaalu ijaaruu cimee akka itti fufu, Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa dubbataniiru.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa qondaaltota kaadhimamtoota Humni Qilleensaa eebbisiiseef sirna gulantaa kennuu raawwataniiru.
“Itoophiyaan teessuma ji’oo-Politiikaa ishee irraa kan ka’e diinni irra deddeebiin qaaxxee irratti raawwachaa turus, gootonni keenya biyya kabajamtuu nutti dabarsaniiru” jedhan.
Ijaarsa Raayyaa Ittisaa ammayyaatiin ammoo nageenya biyyaa fi naannoo kabachiisuu akkasumas shoroorkeessummaa ittisuu irratti Raayyaa seenaa hojjete horachuun akka danda’ame ibsaniiru.
Akka madaallii idil-addunyaatti sadarkaan Raayyaa Ittisa Biyyaa fooyya’uu isaa kan eeran Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, “Humni biyya keenyaa akka dadhabu diinni baay’ee hojjetullee, Raayyaan keenya fashaleessuu danda’eera” jedhan.
Kun ammoo mootummaa fi uummanni misooma qofa irratti akka xiyyeeffatan gargaaruu eeraniiru.
Raayyaa birmadummaa biyyaa irratti ejjennoo hinraafamne qabu ijaaruunis cimee itti fufa jedhan.
Humni qilleensaa keenya daangaa qilleensaa biyyaa otoo hin tuqisisiin kan ture ta’us, waggoota 30n darban keessa rakkooleen muudatanii turuu eeran.
Haa ta’u malee fooyya’iinsa taasifameen haalaan jijjiirama fiduun danda’ameera jedhaniiru.
Dhaabbatichi milkaahina kana ammoo ayyaana waggaa 90ffaa irratti agarsiisa dhiheesseen ibsuu danda’uu isaas himan.