Finfinneen keessumoota Yaa’ii Gamtaa Afriikaa irratti hirmaatan simachuuf qophoofte

You are currently viewing Finfinneen keessumoota Yaa’ii Gamtaa Afriikaa irratti hirmaatan simachuuf qophoofte

AMN PLUS- Amajjii 22/2018

Finfinneen anga’ootaa fi keessumoota Yaa’ii Gamtaa Afriikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf gara magaalattii dhufan simachuuf qophii barbaachisu hundummaa xumurtee eega jirti.

Humni Waloo Nageenyaa dhaabbilee Poolisii Federaalaa, Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Poolisii Magaalaa Finfinnee irraa ijaarame nageenya amansiisaa taasisuu fi haga yaa’ichi eegalamee xumuramutti sochii taasifamu mara haala qindaa’aan hordofuuf hojiitti seeneera.

Oppireeshiniiwwan nageenyaa sirna kaameraa ammayyaa ‘CCTV’ fi namoota dhuunfaa irratti qabsiifamaniin akka adeemsifaman Humni kun ibseera.

Hoteelotni idil addunyaa keessumoota yaa’ii kana irratti hirmaachuuf dhufan irratti gatii gara malee akka hin daballe yaadachiisaniiru.

Magaalaan Finfinnee aadaa keessummeessuu fi miira tajaajiltummaa barameen keessummoota ishee simachuuf qophii xumuruun ishee ibsameera.

Yaa’ii Gamtaa Afriikaa idileen adeemsifamuun alatti keessummootniifi daawwattootni hawwattoota tuuristii Finfinnee keessatti argaman kanneen akka Goda Hambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa, Goda Hambaa Saayinsii, Paarkii Obbolummaa, Paarkii Inxooxxoo fi kanneen biroo daawwachuu akka danda’an haalli mijachuu hubatameera.

Yaa’iin Gamtaa Afriikaa 39ffaa Gurraandhala 7 fi 8 Bara 2018 mata duree “ Dhiheessii Bishaanii Waaraa fi Sirna Eegumsa Qulqullinaa Nageenyi Isaa Eegame Mirkaneessuun, Milkaa’ina Galma Ajandaa Bara 2063’f ”mata duree jedhuun magaalaa Finfinnee Waajjira Muummicha Komishinichaatti adeemsifama.

Finfinneen carraa kanaan magaalaa Dippiloomaasii Afriikaa fi Idil addunyaa akka taate kan mirkaneessitu yoo ta’u, bu’uuraaleen misoomaa mijatoo ta’an ammoo yeroo kam irra iyyuu caalaa babal’achuun, keessumoota simachuuf banaa taasifamaniiru.

Jiraattotni magaalaa Finfinnees aadaa keessummaa simachuu fi keessummeessuu ittiin beekamaniin keessummoota isaanii simachuuf qophaa’anii eegaa jiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply