AMN PLUS – Guraandhala 05/2018
Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootewoos (PhD) Ministira Dhimma Alaa Tuuniiziyaa Mohaammad Alii Naafaatii waliin mari’ataniiru.
Ministiroonni lamaan hariiroo daldalaa fi investimentii biyyi isaanii Itoophiyaa waliin qabdu irratti xiyyeeffachuun mari’atan.
Mohaammad Alii Naafaatii biyyi isaanii hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu kana cimsuu akka barbaaddu mirkaneessaniiru.
Dabalataanis qaamoleen lamaan fedhiiwwan waloo gamlamee fi ardawaa irratti yaada wal jijjiiraniiru.