AMN PLUS- Guraandhala 08/2018
Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaa fi Yaa’iin Afriikaa-Itaalii 2ffaan kan duraarraa bifa adda ta’een haala ho’aafi milkiin gaggeeffamaa turuun goolabamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ifomsan.
Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin “Yaa’iiwwan lameen magaalaa miidhagduu keenya Finfinneetti milkaa’ina guutuun akka gaggeeffamu taasisuun, keessummootni faara tolaa Itoophaanummaa barootaaf calaqqise akkasumas jijjiirama ajaa’ibsiisaa magaalaa keenyaan dabaalamee simboo yaa’ichaa ta’eera” jedhan.
Jiraattonni magaalaa Finfinnee marti, keessummaa kabajuun, obsaafi tumsa taasisaniif Kantiibaa Adaanech galateeffataniiru.
“Akkasumas dhaabbileen magaalichaa tajaajila saffisaafi qulqullina qabu kennuun magaalaan keenya yeroo hunda bifa haaraa uffattee yaa’iin kun akka milkaa’uuf shoora bahattaniif, hoggantootni fi hojjettoonni magaalaa keenyaa galata qabdu” jedhan Aadde Adaaneech.
Keessumaa Kaazaanchis/Qarsaa hanga Boolee Biraasitti dhaabbileen dhuunfaa jiran halkaniifi guyyaa hojjechuun tumsa taasisaniifis galateeffataniiru.