AMN PLUS – Guraandhala 15/2018
Namootni dhuunfaa 5 hojjettoota Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Magaalaa Finfinneeti ofiin jechuun yakka waliin dhahiinsaa raawwatan to’atamuun ibsameera.
Namootni maqaan isaanii;
1) Toomaas Maannaayyee Tabajjee
2) Saamu’eel Kidaanee Hayilee
3) Tsihoon Abarraa Xaafaa
4) Daawwit Mangistuu
5) Mikiyaas Awulaachoo jedhaman kunniin nuti hojjettoota Biiroo Misoomaafi Bulchiinsa Lafaa Magaalaa Finfinneeti, hoggantoota waan beeknuuf kaartaa qabiyyee lafaa isiinif hojjechiisna jechuun Birrii miiliyoona 6 fi kuma 300 fi kuma 60 fi 259.09 gowwomsanii fudhachuusaaniin to’atamuun ibsameera.
Namootni maqaan isaanii olitti eerame kunniin yakka waliin dhahiinsaa ittiin to’ataman kana bara 2017 Kutaa Magaalaa Eekkaa Aanaa 12 keessatti raawwachuun ibsameera.
Yakki waliin dhahiinsaa kan irratti raawwatame obbo Meeret Sifaa lafa kaareemeetira 3,825 tajaajila gabbisa horiif oolchuuf kaartaa qabiyyee lafaa itti baafachuuf osoo adeemsarra jiran ta’uu Biiroon Bulchiinsa Nafeenyaafi Tasgabbii ibseera.
Kana hordofuun namootni amma to’annoo seeraa jala oolfaman kunniin hoggansa, konkolaachiisaafi itti gaafatamaa Biiroo Misooma Lafaafi Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee waliin hojjenna daddafnee isiinif xumurra jechuun yerichatti birrii miiliyoonaan lakkaa’amu olitti eerame fudhachuun miliquun ibsameera.
Haata’u malee namootni yakka raawwachuun miliqan kunniin eeruu poolisiif kennameen hordoffiin taasifamee gaafa guyyaa 12/06/2018 to’annoo seeraa jala oolfamuun mana murtiitti dhiyaataniiru.
Iddoosaa Abdiitiin Qindaa’e