AMN PLUS- Guraandhala 17/2018
Sooma Ramadaanaa Keessa Teemirri Maaliif Akka Baay’ee Barbaadamu Beektuu?
Teemirri, biyyoota addaa addaa keessatti keessumaa bakkeewwan qilleensa gammoojjii qabanitti biqila. Dheerinni hojjaa isaa giddu galeessaan faana miilaa 60-110 ta’a. Waggoota muraasaa as nyaata irra darbee faayidaa fayyaa hedduu akka qabu qorannoowwan mirkaneessaniiru.
Kanaanis, namoota hedduu biratti jaallatamaafi filatamaa ta’aa dhufeera. Teemirri biyyoota Lixaatiif dhiyaatu, garri caalu gogaadha. Gogiinsa Teemiraa ijaan arganii beekuun ni danda’ama.
Yoo qolli teemiraa shushuntuure ‘gogaadha’, yoo lallaafe ammoo ‘jiidhaadha’ jechuun ni danda’ama. Akkaatuma gosa isaaniitti teemirri ho’aan kan hammi isaa xiqqaatu yoo ta’u, halluun isaas akkuma waqtii isaatti diimaa ifaa irraa haga keelloo ifaatti ni argama. Gosti teemiraa baay’inaan namootni fayyadaman Meejuliifi Deeglet Nuur kanneen jedhamanidha.
Teemirri firii mukaa mi’aawaa alanfatamee nyaatamu yoo ta’u qabiyyee madaalawaa ilma namaaf faayidaa hedduu qaban of keessaa qaba. Teemirri waan qaama namaa ijaaru of keessaa akka qabu, qorannoon ‘Health Line’ ni mul’isa.
Faayidaan Teemiraa Maali?
Teemirri waayita soomaa hawaasa Musliimaa biratti nyaata ulfinaa fi faayidaa fayyaa olaanaa qabudha.
Teemirri Albuudotaa fi vaayitaaminoota hedduu of keessaa qaba.
Teemirri Qabiyyee, soodiyamii, pootaasiyemii, maagniiziyemii ziinkii fi Vitaamiin B6 kan of keessaa qabuudha.
Faayidaan teemira nyaachuun qaamaa namaaf kennu keessaa muraasni, gogiinsa garaa ittisuudha. Teemirri uumamaan amala waa laaffisuu waan qabuuf nyaanni mar’imaan keessa akka sosochoo’uf ga’ee guddaa qaba. Tajaajila kanaaf akka oolus bishaan keessa bulchuun nyaachuun ni danda’ama.

Yeroo Sooma Ramadaanaa kanatti, namni guyyaa guutuu soomaa oole, battaluma sooma hiikutti gara nyaata jajjabaa biraatti seenuurra akka garaan namaa laafuuf nyaataan wal baruuf kan jalqaba irratti fudhatamu ykn garaan akka laafuuf faayidaa irra kan oolu ta’uu himama.
Teemirri jabina lafeef illee ni fayyada: qabiyyeen teemira keessatti argamu jabina lafeef baay’ee barbaachisaa akka ta’e qorattootni mirkaneeffataniiru.
Teemirri seeleeniyeem maangaaneez, koopparaa fi maagniiziyam waan of-keessaa qabuuf guddina fayya qabeessa lafee keenyaaf murteessaadha.
Faayidaan teemiraa inni biraa hir’ina dhiigaa ittisuuf oola. Teemirri Albuuda waan of keessaa qabu hir’ina dhiigaa hir’isuuf ga’ee guddaa qaba.
Gama biraan, gogaan qaama namaa fayyaalessa akka tahu (alarjii) adda addaa ittisa; teemirri qabiyyee saalfarii waan of keessaa qabuuf dandeettiin dhibee ittisuu isaas olaanaa ta’uu ibsameera.
Faayidaan teemirri narviif qabus akkasuma olaanaadha. Vaayitaaminootni teemira keessatti argaman narvii fayyaa qabessaa akka qabaannuf ni gargaara.
Akkasumas, teemirri hanga kooleestiroola fayyaa keenya miidhuu danda’u hir’isuun onneen namaa fayyaa akka ta’u deeggara.
Dubartootni yeroo ulfaafi da’umsaa teemira yoo sooratan illee fayyummaa daa’ima garaa keessaa fi yeroo da’umsaas dubartiin yeroo ciniinsifattu humna kennuufiin akka gargaaru hubatama.
Dabalataanis, fayyaa sammuu namaa ni haaromsa. Qabiyyeen teemira keessatti argamu vaayitaamiin B6 jedhamu namootni sammuu fooyya’aa akka qabaatan kan fayyadudha.
Madda: Health.com fi Healthline.com
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e