AMN PLUS – Guraandhala 19/2018
Akkuma Finfinneen misooma kooriidariitiin aartii yaadatte, nutis hojiilee aartii hedduu oomishuun kooriidarii aartii eegalla jedhe Komediyaaniifi Hundeessaan Pirodaakshinii Jaankoo Waaqoo Geetaachoo.
AMN fi Pirodaakshiniin Jaankoo Siitkoomii Koomeedii ‘Bubbee’ jedhu Chaanaalii AMN PLUS irratti eegalchiisuuf har’a waliigaltee mallatteessaniiru.
Sirnicha irratti haasawa kan taasise Waaqoo Geetaachoon, Finfinneen giddugaloota aartiif tolu ijaartee, roga maraan misooma koriidariin miidhagdee, kulamtee jirtutti fayyadamuun amma jedheera.
Amma namoota damee aartii irratti hojjetaniif hojimanee addaa kenniteetti kan jedhe Waqkennaan, qabiyyee aartiif tolu oomishnee nutis kooriidarii aartii uumna jechuun ibseera.
Koomeediyaan Waaqoo namoota aartiif Finfinneen carraa guddaa qabaachuu ibsuun namni kutannoo qabu amma Finfinnee keessatti koriidarii aartii eegaluu akka danda’uufi innis faana sanarra jiraachuu dubbateera.
Barri bara dorgomuu osoo hin taane bara filatamuu tahuun Siiktoomii haaraa “Bubbee” jedhuun karaa filmaatilee AMN PLUS Afaan Oromoo hundaan yeroo dhiyootti akka qilleensarra oolu waadaa galeera.
Koomeediyaan Waaqoon hojii koo jaallattanii eessa deemee, maaliif badeefi gaaffilee na ilaallatan hunda kallattii garaagaraan dhiyeessaa kanneen jirtan gara fuulduraa AMN PLUS irratti na argattu jechuun ibseera.
Iyyaafannaan jaalala naaf qabdan waan naaf ibsitaniif, guddaa galatoomaa jechuun ulfinaafi kabaja dinqiisifattoota hojii isaaf qabu kan ibsu Koomeediyaan Waaqkennaan kana boodde dhimmoota bashannansiisaa barsiisaniin waan waliin imalluuf filmaatilee AMN PLUS mara hordofaa ergaa jedhus gudunfeera.
Iddoosaa Abdiitu gabaase