Finfinneen Ji’oota Jahan Darban Itti Quufinsa Kenniinsa Tajaajilaa Mirkaneessiteetti – Injinar Wandimmuu Seettaa

You are currently viewing Finfinneen Ji’oota Jahan Darban Itti Quufinsa Kenniinsa Tajaajilaa Mirkaneessiteetti – Injinar Wandimmuu Seettaa

AMN PLUS – Guraandhala 19/2018

Finfinneen Ji’oota Jahan Darban Itti Quufinsa Kenniinsa Tajaajilaa Mirkaneessiteetti Jedhan Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoji Gaggeessaan Magaalatti Injinar Wandimmuu Seettaa.

Waajjirri Hoji Gaggeessaa Magaalaa Finfinneefi Sektarootni Itti Waamamni Isaanii Waajjirichaaf Ta’an Raawwii Karoora Hojii Walakkaa Waggaa Bara Baajataa 2018 Waloon Qorataniiru.

Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoji Gaggeessaan Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seettaa Akka Mana Hojichaatti Ji’oottan Jahan Darban Keessa Tajaajilli Sadarkaa Isaa Eeggate Kennamaa Turuu Bu’aan Qorannoo Raawwii Karoora Hojii Agarsiiftuudha Jedhaniiru.

Sektarichi Tajaajilamtoota Hedduun Walitti Hidhata Qabaachuu Kan Ibsan Injinar Wandimmuun Bu’aaleen Kenniinsa Tajaajilaan Dhufan Tajaajilamtoota Garaa Gahuun Akka Madaalaman Hunduu Hubachuu Qabaa Ibsaniiru.

Baatiiwwan Bara Baajataa 2018 Hafan Ammas Cichoominaan Hojjechuun Itti Quufinsa Maammiltootaa Itti Fufiinsa Qabu Galmeessuun Hojimanee Manneen Hojii Hundaa Tahuu Qabaas Injinar Wandimmuun Akeekuun Garaagarummaa Raawwii Hojii Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Gidduu Jiru Dhiphisuuf Kutannoon Hojjechuu Barbaachisaas Imaanaa Jedhaniiru.

Zallaqaa Oljiraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply