Manni Maree Magaalaa Finfinnee AMN Dabalatee Dhaabbilee Milkaa’ina Guyyaa Saboota Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaaf Hojii Boonsaa Hojjetan Galateeffate

You are currently viewing Manni Maree Magaalaa Finfinnee AMN Dabalatee Dhaabbilee Milkaa’ina Guyyaa Saboota Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaaf Hojii Boonsaa Hojjetan Galateeffate

AMN PLUS – Guraandhala 20/2018

Afa Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir Dhaabbilee Qindoominaan Hojjechuun Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa Marsaa 20ffaa Milkeessaniif Galata Dhiyeessaniiru.

Manni Maree Magaalaa Finfinnee Guyyichi Miidhaginaafi Milkaa’inaan Akka Goolabamuuf Dhaabbilee Bulchiinsa Magaalichaa Gahee Olaanaa Bahataniif Sagantaa Beekamtii Kennuu Adeemsiseera.

Afa Yaa’iin Mana Marichaa Aadde Buzeenaa Alkadir Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa Marsaa 20ffaa Sababeeffachuun Hubannoo Heera Mootummaa, Walitti Dhufeenya Uummataa, Agarsiisa Daldalaafi Baazaarii Akkasumas Maqaa Gaarii Magaalatti Ijaaruu Keessatti Xiyyeeffannoon Hojjetamuu Ibsaniiru.

Ayyaanichi Tokkummaafi Sabdameessummaa Itoophiyaanota Bifa Calaqqisiisuun Akka Xumuramuuf Hojii Qindoominaa Dhaabbilee Gidduu Tureefis Afa Yaa’ittiin Galateeffataniiru.

Caasaaleen Nageenyaa, Dhaabbileen Miidiyaa, Biiroleen Hojii Mootummaa Magaalatti Milkaa’ina Ayyaanichaaf Shoorri Taphatan Salphaa Hin Turrees Ibsaniiru.

Keessattuu AMN Seenaa Sabaafi Sablammootaa, Afaaniifi Sona Oduuleefi Sagantaalee Qaaccessan Dhiyeessuun Gahee Miidiyaa Irraa Eegamu Bahachuun Galateeffatameera.

Misoomaafi Daandii Jijjiiramaa Magaalaan Finfinnee Irra Jirtu Baasee Mul’isuunis Gahee Olaanaa Bahachuu AMN Sagalee Dhalootaa Afa Yaa’iin Mana Maree Magaalattii Aadde Buzeenaa Alkadir Sirnicharratti Hubachiisaniiru.

Teediroos Yissaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply