AMN PLUS- Guraandhala 22/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Yaadannoo Injifannoo Adwaa 130ffaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan.
Dooktar Abiyyi ergaa isaaniin “Adwaan gahumsaafi ejjennoo Itoophiyaanotaa hin jijjiiramne kan mul’iseedha” jedhaniiru.
Injifannoon Adwaa murannoo fi humna Itoophiyaanotaa kan mul’isu ta’uu eeran.
Itoophiyaanoonni faayidaa biyyaalessaa, bilisummaa fi birmadummaa biyyaarratti ejjennoo hin jijjiiramne qabu jedhan.
Ejjennoo isaanii kana ammoo cichoomina cimaan fayyadamu jechuun ibsan.
Sirniifi hoggantoonni jijjiramuu danda’u, dhimmoota tokko tokkorratti garaagarteen jiraachuu mala, ejjennoo fi murannoon biyya isaaniif qaban garuu hin jijjiiramu.
Gootonni Adwaa duulaan wantoota hundarratti kan waliif galan hin turre.
Kaayyoo tokko qabu malee hundi tokko hin turre. Biyya tokko qabu malee aadaa fi amantaa tokko qofa hin qaban.
Yeroo sanas baandawwan biyya gananii diina waliin hiriiran jiru ture.
Faayidaa yeroof jecha biyya isaanii gurguruuf fedhii qaban
Faddaaltoonni diina waliin ta’uun biyya gurguruuf dhama’an jiru turan.
Gootonni kan lolan weerartoota Xaaliyaanii qofaan hin turre, baandawwanii fi faddaaltoota waliin falmaa turan.
Gootonni diinas baandotas injifataniiru.
Gootummaa jechuun faayidaa biyyaalessaaf jecha fedhii dhuunfaa injifachuu jechuudha.
Kabaja biyyaalessaaf jecha kabaja dhuunfaa wareegudha.
Injifannoon Adwaa kanneen hunda kan itti yaadannuudha.
Cichoominni, gootummaa, tokkummaa fi daandeentiin lammiilee Itiyoophiyaa kan itti ifoomeedha.
Har’as dandeettii damee qonnaa, Indaastirii, Tuurizimii, Albuudaa fi Diijitaalaan qabnu mul’isuu qabna.
Injifannoo Adwaa damee hundaan dabaluuf dandeettiin Itoophiyaa bu’uura cimaa qabaachuu qaba jedhan.