AMN PLUS- Guraandhala 23/2018
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Ayishaa Mahaammad, Raayyaan Ittisa Biyyaa imaanaa Adwaa guddicha dhiigaa fi lafee isaan baatee kan argamu bu’aa seenaa gootummaa ta’uu ibsan.
Guyyaan Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaa, Birbirsa Goorootti sagantaalee addaan kabajamaa jira.
Injifannoon Adawaa “mallattoo gootummaa, namuusaa, tokkummaa fi cichoominaa ta’ee itti fufa” jechuun ibsan.
Injinar Ayishaan “Wayita ayyaanicha kabajnu wareegama abbootii keenyarra dhaabbachuun seenaa haaraa hojjechuuf murannoo qabaachuu mirkaneessuni” jedhan.
Itti dabaluunis, “Injifannoon Adwaa Itoophiyaanota qofa osoo hin taane uummata gurraachaa maraaf aasxaa bilisummaati” jedhan.
Seenaa boonsaa kana dhaloota egereef boona hojii fi bu’aan deeggerame dhaalchisuun waadaa kana hooromsuu qabna” jechuunis dhaamaniru.
Malkaamuu Abbabaatiin