AMN PLUS – Guraandhala 23/2018
Goototni Adwaa faayidaa dhuunfaa isaanii dhiisuun faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuun dhimmi biyyaa garaagarummaa yaadaa qabaachuu dandeenyuun ol tahuu nutti agarsiisaniiru jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.
Injifannoon Adwaa ibsituu gootummaafi birmadummaa Afrikaanotaa tahuu goototni kaleessaa aarsaa bakka bu’iinsa hin qabne lubbuu isaanii dabarsan kennuun yaadannoo har’aa nuuf tahaniiru jedhan.
Gootummaan dirree waraanaatti injifachuu qofa akka hin taane ibsuun Kantiibaa Adaanech har’as gootummaan hiyyummaa injifachuuf dirree misoomaatti argamuun kutannoon hojjechuu dabalataa kaasuun akka biyyaatti qamadii kaleessa biyya alaa irraa eeggachaa turre amma biyya keessatti oomishuun ofirra darbinee warreen biroof qaqqabuun gootummaa tahuu ibsuun hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaas injifannoo 2ffaa dhaloota amma jiruun galmaa’eedha jedhaniiru.
Gootota Adwaa kaleessaa irraa barachuun dhalootni ammaa lafa deeme hundatti faayidaa biyyaalessaa dursuun ashaaraa mataa isaa dhaloota itti aanuuf darbu keewwachuu akka barbaachiisullee Kantiibaa Adaanech Imaanaa Jedhaniiru.
Kantiibaa Adaanech ergaa dabarsaniin Itoophiyaanotni martii baga guyaa kabaja yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa nagaan ittiin isiin gahee jechuunis ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin