AMN PLUS – Guraandhala 23/2018
Adwaan ibsituu birmadummaafi kabaja Afrikaati jedhan dura taa’aan Komiishinii Gamtaa Afrikaa Komiishinar Mahaammud Alii Yuusuuf.
Komiishinarichi kabaja guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa ilaalchiisuun ergaa dabarsaniiru.
Injifannoon Adwaa birmadummaa Afrikaa, kabajaafi tokkummaan guddaan kan itti mul’ate tahuu ergaa isaaniin Komiishinar Mahaammad Alii Yuusuuf mirkaneessaaniiru.
Dura taa’ichi akka lakkoofsa faranjootaatti Bitootessa 2 bara 1896 injifannoon galmaa’e Afrikaan hiree ishee ofiin akka murteeffattu ergaa guddaa biyyoota Addunyaaf dabarseeraas jedhan.
Injifannoon Adwaa ammas Ajandaa 2063 keessatti hammatamuun abdiifi hawwii Ardichaaf kaka’umsa guddaa akka uumu ibsaniiru.
Afrikaan qormaatilee bara kanaa injifannoon bahuuf akkuma Adwaa hunda cichoominaafi tokkummaan dhaabbachuu akka qabdu kan ibsan Komiishinarri Komiishinii Gamtaa Afrikaa Komiishinar Mahaammud Alii Yuusuuf ciminni guddaan Ardichaa waloomaafi tokkummaa keessa akka jiru jala muran hubachiisaniiru.
Gamtaan Afrikaa nageenya waaraa Ardichaafi badhaadhina waloof kutannoo hin jijjiiramne qabaachuus mirkaneessaniiru.