AMN PLUS – Guraandhala 24/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) haala yeroo naannoo Tigraay irratti ENA waliin Afaan Tigreen turtii taasisaniin gareen TPLF yaada qabatamaa kan hin qabne, tuuta akkasumaan qilleensa abootuuf yaalu tahuun jijjiirama akka biyyaatti dhufe hin fudhadhu jechuun hawaasa qofaaf osoo hin taane murtoo deebisee jireenya garichaa nyaachisuu murteessaa turuu ibsaniiru.
Gareen TPLF tarkaanfiin duuchatti fudhatu amala paartiin siyaasaa tokko agarsiisu miti kan jedhan Ministirri Muummee yaada haaraa fiduun jijjiirama jiru deeggaruuf garee fedhii qabu akka hin taane himaniiru.
Addunyaa jijjiirama qabatamaa galmeessaa jirtu waliin kan deemu osoo hin taane yaadama jaarraa 19ffaa keessa ture qabatee garee hafeedha jechuun waa’ee TPLF kan ibsan Dooktar Abiyyi jijjiirama jiru fudhachuuf garichi kaayyoo hin qabuus ibsaniiru.
Yaada bara waliin deemuufi fayyadamummaa ummataa mirkaneessu faallaa deemuun uummata rakkoolee garaagaraaf saaxiluu garee TPLF kan kaasan Ministirri Muummee garichi qaama humna jijjiiramaa tahurra walitti bu’iinsaaf daandii saaquuf dhama’uu ibsaniiru.
Walumaagalatti garichi uummata Tigraay irra dararaafi dhiibbaa garaagaraa geessisuu kan tarreessan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad TPLF yeroo aangoorra tures Itoophiyaa guddoo ijaaruu caalaa walii keenya akka diina walitti taanu, wal balaaleffannuu kaayyeffatee summii jibbiinsaa facaasaa turus yaadachiisaniiru.
Gareen TPLF har’as yaada qawwee lafa kaa’uun Addunyaa har’aa waliin tarkaanfachuu kan hin qabde dhaabbate kan hafe jechuun Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD)
haala yeroo naannoo Tigraay irratti ENA waliin Afaan Tigreen turtii taasisaniin ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin Qindaa’e