AMN PLUS- Guraandhala 24/2018
Waajjirri Ministira Muummee hojiilee Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) baatiiwwan Amajjiifi Guraandhalaa keessa hojjetan ifoomseera.
Baatiiwwan lameen bu’uuraaleen misoomaa tajaajila diijitaalaa, bu’uuraalee misoomaa babal’aan akkasumas misoomni tuurizimii Ikkoo fi tumsawwan tarsiimawoo idil-addunyaa itti ciman ta’uu yaadachiiseera.

Kallattiiwwan Diinagdeefi Tarsiimoo Siyaasaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan Kaa’aman:-
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Wa’ga’ii idilee 10ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti argamuun gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebii kennaniiru.
Ibsa isaaniinsi guddinni 10.2% galmaa’uu, dhiibbaan liqaa biyyattii hir’achuu, baatiiwwan jahan darbanitti al-ergii shaqaxaalee irraa galii Doolaarri 5.1, damee tajaajilaa irraa galiin Doolaarri 4.5 akkasumas reemitaansii irraa Doolaarri 4.6 argamuu ibsuusaanii yaadachiiseera.
Damee teeknooloojiin Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee hundaa’uu fi addunyaarraa sadarkaa 2ffaa kan ta’e Yuunivarsiitiin ‘AI’ yeroo dhiyootti kan banamu ta’uu, lakkoofsi fayyadamtoota moobaayilaa miiliyoona 97 gahuu ibsanii turan jedhe.
Nageenya biyyaalessaa ilaalchisees garaagarummaa mariin furuun barbaachisaa akka ta’e ibsuusaanii kaaseera.

Bu’uuraalee Misoomaafi Ce’umsa Magaalaa:-
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hojiilee bu’uuraalee misoomaa babal’aa daawwachuun fi eegalchiisuun baatii itti imalli ammayyaa biyyattii qabatamaan mirkaneessan ture.
Misooma Kooriidarii boqonnaa 2ffaa magaalaa Hawaasaatti hojjetamaa jiru kan daawwatan yoo ta’u magaalaa Naqamteettis hojii misooma kooriidarii daawwataniiru.
Qonna, Jallisiifi Birmadummaa Nyaataa:-
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad hojiilee misooma qonnaa wabii nyaataa mirkaneessuu dandeessisanis daawwataniiru.

Sagantaa Maaddii Guutuun misooma kilaastara Muuzii aanaa Hawwaa Galaanitti misoome kan daawwatan yoo ta’u pirojektii jallisii Qeexooos daawwatanii turan.
Dabalataanis sadarkaa ijaarsa pirojektii jallisii Arjoo Dhidheessaa kan gamaaggaman yoo ta’u misooma Fuduraa laga Bilaattee irratti abbootii qabeenyaa dhuunfaan misoomaa jiranis daawwataniiru.
Ijaarsa Warshaa Nyaata Qindaa’aa Buusaa Gonofaa Oromiyaa guyyaatti boqqolloo toonii kuma 2 daakuu danda’us eegalchiisaniiru.
Teeknooloojii, Indaastirii fi Albuuda;-

Akkaataa tarsimoo diijitaala Itiyoophiyaa 2030’n Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad hojii seeraa kabachiisuu teeknooloojiin deeggaruuf kan tajaajilu Itoophiyaatti kan jalqabaa kan ta’e ‘Ismaart ‘ Poolisii ykn Tajaajila Poolisii nama maleessaa hojii eegalchiisaniiru.
Damee Indaastiriin Warshaa Qindeessaafi oomisha Dhagaa Cilee Arjoo kan daawwatan yoo ta’u, kunis Sosochii Itiyoophiyaan haa Oomishtuun dandeettii oomishuu indaastiriiwwanii gara %66.3‘tti guddisuuf tattaaffii taasifamu ni deeggara.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad Piroojektii misoomaa Warqee Tulluu Kaappii tumsa Mootummaa fi Abbootii Qabeenyaa dhuunfaan misoomaa jiru daawwataniiru.
Ikkoo Tuurizimii fi Misoomaa Waaraa:-
Sagantaa Maaddiin Dhalootaafiin Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Wallootti Riizoortii Loogoo Sadarkaa Idil Addunyaa eeggate eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.

Akkasumas dhiheenya Naqamteetti kan argamuu Ikkoo Loojii Soorgaa lafa heektara 14 irratti ijaaramaa jirus daawwataniiru.
Dabalataanis Godina Wallagga Bahaatti Misooma koriidarii Baadiyyaa daawwachuun anniisaa aduu ammayyaa fi baayoogaaziin jiruufi jireenya hawaasa baaddiyyaa fooyyeessuu ilaalaniiru.
Hariiroo Dippiloomaasii Idil Addunyaa;-
Gama Diipiloomaasiin Itiyoophiyaan wayita Yaa’ii Xaaliyaanii Afrikaa qopheessiteetti, Dooktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniin kan simatan yoo ta’u Hoggantoota biyyoota garaagaraa Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaarratti hirmaachuuf dhufan waliin walga’ii waloo bu’aa qabeessaa taasisanii turan.

Dabalatanis Dooktar Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Turkiyyee Rajib Xayib Eerdohaan fi Pireezidaantii Israa’eel Yisaaq Heerzoog Finfinneetti simachuun waa’ee Daldalaa, Invastimantii fi tasgabbii nannawichaa dabalatee dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad Azarbaajaanitti daawwannaa hojii wayita taasisanitti Pireezidaantii biyyattii Alihaam Aliiyeev waliin ta’uun waliigaltee tumsa loltummaa, damee Ce’uumsa diijitaalaan, Invastimantiin, Farra Malaammaltummaa fi dameelee garagaraan waloon hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Nageenya Biyyaalessaa fi Riifoormii dhaabbileen;-
Dooktar Abiyyi Ahimad Opireeshinii hundeeffama waggaa 65ffaa komaandoo Addaa Raayyaa Ittisa biyyaa irratti argamuun agarsiisa loltummaa qilleensaarraa fi bishaan irraa daawwataniiru.
Komaandoon rakkoo nageenyaa waqtaawaa furuu akkaataa dandeessisuun karaa ammayyaa ta’een hundaa’uu dinqisifataniiru.
Dabalatanis Walga’ii Koree Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa dursuun dhimmoota tarsimawaarratti kan mari’atan yoo ta’u, filannoon dhufu nagaa fi haqa qabeessa akka ta’u Mootummaan murannoo qabaachuu irra deebiin mirkaneessaniiru.