Fayyadamummaa Dubartootaa Dhugaafi Haqa Qabeessa Qabatamaan Agarsiifna – Kantiibaa Adaanech

You are currently viewing Fayyadamummaa Dubartootaa Dhugaafi Haqa Qabeessa Qabatamaan Agarsiifna – Kantiibaa Adaanech

AMN PLUS – Guraandhala 29/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dubartootni sagalee isaaniin wal qixxummaa dhugoomsuufi badhaadhina mirkaneessuuf gahee isaanii bahachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Kantiibaa Adaanech waamicha kana kan dhiyeessan guyyaa dubartootaa akka biyyaatti yeroo 50ffaaf fiigicha daandiirraan kabajameerrattidha.

Guyyaa dubartootaa yeroo 50ffaaf akka biyyaatti kabajame sababeeffachuun fiigicha guddicha daandiirraa Finfinneetti gaggeeffame irratti argamuun ergaa kan dabarsan Aadde Adaanech dubartootni sagalee keenyaan akka biyyaatti wal qixxummaa bu’uura qabu ni mirkaneessina jedhaniiru.

Kantiibaa Adaanech itti dabaluun Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee badhaadhina biyyaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, fayyadamummaa dubartootaa dhugaafi wal qixxummaan dabaalame agarsiisuuf xiyyeeffannoon hojjeta jechuun ergaa isaanii keessatti kaasaniiru.

Dubartootni akkuma dhiirotaa biyya isaaniif aarsaa guddaa kaffalaa turus kan yaadachiisan Aadde Adaanech ammas badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf waloon hojjechuun daandii gara milkaa’inaatti nama geessu tahu hubachiisaniiru.

Guyaa dubartootaa akka Addunyaatti yeroo 115ffaaf, akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 50ffaaf kabajame sababeeffachuun Biiroon Dargaggoofi Ispoortii gita isaa Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee waliin fiigicha guddicha daandiirraa fageenya 5Km qopheessaniiru.

Fiigicha guyyaa dubartootaa sababeeffachuun daandii Boolee Atilaas – Kaasaanchis irratti qophaa’e kanarratti Kantiibaa Adaanech Abeebee, Afa Yaa’ii Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadiriifi Ministira Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Ergooggee Tasfaayee (PhD) dabalatee dubartootni kuma 100 caalan kan hirmaatan yoo tahu dubartootni qaama miidhamtootnis fiigicha fageenya 2Km irratti hirmaataniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply