AMN PLUS – Guraandhala 28/2018
Sooma baatii Ramadaanaa waggaa 1447ffaa sababeeffachuun Ifxaarri daandiirraa marsaa 6ffaan mata duree “Najaashiin Biyyaaf” jedhuun Magaalaa Finfinneetti Gaggeeffame
Saganticharratti Pirezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa ergaa dabarsaniin miira obbolummaan ilmaan biyya tokko garaagarummaa amantaa malee kan ittiin walitti qaban tahuusaatiin baayyee gammaduu ibsaniiru.
Sagantaan Ifxaaraa 6ffaan kun tokkummaan, Jaalalli, Obbulummaan, Waloomni dhugaa kan itti mul’ate tahuus ibsaniiru.
Baatiin Ramadaanaa ji’a kadhannaan yeroo hundaa olitti itti jabaatu, ji’a Araaramaa tahuu kan Ibsan Sheek Haaji Ibraahim, Obboloota keenya harka qalleeyyii rakkoo adda addaa keessatti argaman gargaaruun, waan qaban waloon qooddachuun dabarsuu akka qaban dhaamaniiru.
Finfinnee Misoomaan bareeddetti Sagantaan Ifxaaraa gaggeeffamuun Siimboo dabalataa tahuu eeruun, Misooma Magaalaafi Biyya keenyaaf tokkummaan dhaabbachuu qabnaas jedhaniiru.
Filannoo Biyyoolessaa as deemuuf Hawaasni biyya keenyaa marti tokkummaafi jaalalaan bakka bu’aa ofii filachuufi nageenya biyyattiif qoricha kan tahe, Jaalalaafi Obbolummaan furmaata taheen dabarsuu akka qaban dhaamaniiru.
Gabaasni kan Mahaammad Toofiq