AMN Sagaleen Dhalootaa Feestivaala Ispoortii Miira Tokkummaa, Jaalalaafi Kaka’umsa Hojii Hojjettoota Gidduutti Uumu Eegalchise

You are currently viewing AMN Sagaleen Dhalootaa Feestivaala Ispoortii Miira Tokkummaa, Jaalalaafi Kaka’umsa Hojii Hojjettoota Gidduutti Uumu Eegalchise

AMN PLUS – Guraandhala 28/2018

Dhaabbatni Miidiyaa Magaalaa Finfinnee AMN Sagaleen Dhalootaa feestivaala ispoortii miira tokkummaa, jaalalaafi kaka’umsa hojii hojjettoota gidduutti uumu marsaa 2ffaa guyyaa har’aa eegalchiiseera.

‎Feestivaala ispoortii har’a saaqame kanarratti Hoji Raawwachiisaa Olaanaa AMN Sagalee Dhalootaa Obbo Kaasaahun Gonfaa dabalatee Miseensotni Manaajimentiifi hojjettootni dhaabbatichaa argamaniiru.

‎Feestivaalichi Finfinnee Daalatti (Araat Kiiloo) mooraa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Miniliikitti kan eegalame yoo tahu taphni kubbaa miilaa bashannansiisaan hoggantoota AMN gidduutti gaggeeffameera.

Saganticharratti qooda fudhachuun ergaa kan dabarsan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Sagalee Dhalootaa Obbo Kaasaahun Gonfaa feestivaalli ispoortii kun miira tokkummaa, jaalalaafi kaka’umsa hojii waan uumuuf cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

‎Barbaachisummaa feestivaala kanaa irraa kan ka’e yoo xiqqaate waggaatti si’a lama gaggeeffamuu akka qabus hubachiisuun Obbo Kaasaahun kanaafis hooggansi dhaabbatichaa waan barbaachisu hojjechuuf qophii ta’uu eeraniiru.

‎Finfinneen taateewwan ispoortii hundaaf haala mijataa qabaachuus ibsuun Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Sagalee Dhalootaa Obbo Kaasaahun Gonfaa carraa kanatti fayyadamuun hawaasa fayyaalessa horachuuf miidiyaan dursee argamuun kutaalee hawaasaa warreen biroof fakkeenya tahuu qaba jedhaniiru.

Feestivaalli ispoortii miira tokkummaa, jaalalaafi kaka’umsa hojii hojjettoota gidduutti uumaan Dhaabbatni Miidiyaa AMN Sagaleen Dhalootaa eegalchiise kun torbanootaaf akka itti fufus ibsameera.

Daraartuu Tarreessaati gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply