AMN PLUS – Bitootessa 01/2018
Finfinneetti bakkeewwan hedduun kaleessa dawoo yakkamtootaafi iddoo yakki itti raawwatamu akka turan hawaasa keessa beeku caalaa namni dhugaa bahu jira jedhee hin yaadu.
Iddoowwan biroo kutaa Finfinnee ammoo balfati itti gatamaa ture. Funyaan qabatte darbuuf bakki itti qoramtu jiraachullee baay’een quba qabna.
Waa’ee Finfinnee har’a hoo maal taajjabdan? Bakkuma kaleessaa jirti moo darbitee deemteetti?
Gaaffiileen kunniin guyyaa keessa kanneen deebi’an miti. Misoomaan deebi’aniiru. Finfinneen har’a foolii hawwataa qabaatteetti. Bakka suuraa itti kahan hedduu horatte.
Ija hawaasa Ardii Afrikaafi Idil Addunyaa erga harkisuu jalqabdee bubbuleera. Kun jechaan osoo hin taane gochaan mul’ateera.
Warri keessa oole bulu raajeffateera. Kanneen keessummummaan gara Finfinnee dhufan ammoo Finfinneen jira moo xiyyaaratu gara biyya biroo na geesse laata jechuun waan yeroo xiqqoo fudhachuun qofaa gumguman fakkaatu.

Finfinneetti galgala raftee ganama yoo kaatu jijjiiramni boqonnaa haaraa qabu galmaa’ee nama eega.
Dhugaan afaan qaban funyaaniin dubbatti jedha Oromoon yeroo mammaaku. Finfinneen amma dhugaa qabdi. Miidhagdeetti.Simboo ulfinaa argatteetti. Ija guutteetti.
Keessummaan kamiyyuu osoo dhufee baga gara Finfinnee magaalaa simboo qabeettitti nagayaan dhuftan jedhan simachuuf mijateera.
Irra dibaa kan hin qabne jijjiirama Finfinnee yeroo maraa keessatti kutannoon hoggansa magaalatti sadarkaan jiranii, ogeeyyiin ogummaa qabaniin misooma hojjetamu saffisaafi qulqullinaan dursan, hojjettootni humnaa carraa argameetti fayyadamuun aadaa hojii magaalattii 24/7’tti dhimma bahuun Finfinnee har’aa kana kalaqaniif galatatuu mala.
Walumaagalatti akka taajjabbii kootti Finfinneen qaama eebbaa taateetti yoo jedhame hagas mara arbeessuu hin tahu.
Dhugaan lafa jiruufi waan magaalattiin ofkeessatti qabattee jirtu roga maraan daandii jijjiiramaa saffisaafi qulqullinaan dabaalameerra jiraachuun akka Finfinnee siif haa darbu osoo jedhameeyyuu amma maaltu hafe?
Dhugaan ilmoo waaqaati!
Iddoosaa Abdiitiin