Kantiibaa Adaanech Abeebeen misooma qarqara laga Qurxummii fi Pilaazaa ‘Dilii’ eebbisan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen misooma qarqara laga Qurxummii fi Pilaazaa ‘Dilii’ eebbisan

AMN PLUS- Guraandhala 30/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen naannawa Addabaabayii Tewodiroosotti misooma qarqara laga Qurxummii fi Pilaazaa ‘Dilii’ eebbisiisuu himan.

Kantiibaa Adaabech naannawwaan duraan dawoo yakkamtootaafi bakka balfii itti gatamu ture har’a misoomee, miidhagee ija hawwachuun qaama magaalaa Finfinnee turistoota harkisu ta’uu miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Pilaazaan Diliifi misoomni qarqara laga Qurxummii;

🔘Pilaazaa bal’ina lafaa Kaareemeetira 21,906 irra buufate kan qabu

🔘Altokkotti konkolaattoota 500 kan keessummeessu, lafa jalattis sadarkaa sadiin kan hojjetameefi konkolaattoota dhaabuuf kan tolu

🔘Sirna to’annoo dhaabbii konkolaataa ammayyaa, buufatni konkolaataa itti chaarjessaniifi tooftaa ittin balaa ibiddaa ittisan kan guuttate

🔘Misooma magariisaa lafa hektaara 7 irra buufate,daandii imaltootaa mijataa, bakka gurgurtaa meeshaalee aadaafi ammayyaa, manneen nyaataa, kaafteeriyaawwaniifi waajjiraalee kan ofkeessaa qabudha

🔘Misooma qarqara laga qurxummii Kiloomeetira 2.2 dheeratus qaba

🔘Bakkeewwan hawaasaaf tajaajila garaagaraa kennan, bakkeewwan oolmaa ispoortii daa’immaniifi ga’eessotaa akkasumas Anfii tiyaatira 5 ofkeessaa qaba

Kantiibaa Adaanech bakki tajaajilaaf banaa tahee kun kana hunda ofkeessatti qabatee misoomuu ibsuun waa’ee magaalummaa yoo kaasnu bu’uuralee misoomaa mijatoo, bakka hawaasni waloon itti tajaajilamu, carraa hojii kan uumuu, qulqullinni, miidhaginni, bakki jireenyaaf mijatuufi naannawaa fayyaalessa uumuus akka dabalatu ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee piroojektichi yeroo qabame keessatti qulqullinaafi saffisaan akka xumuramu aadaa hojii 24/7 kanneen calaqqisiistan ogeeyyii garaagaraa dabalatee qindoominni biirolee hojii mootummaa magaalattii garaagaraa akkasumas hojjettootni humnaafi qooda fudhattootni ashaaraa keessaa qabdan hundi galata guddaa qabdu jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply