AMN PLUS – Guraandhala 30/2018
Seenaa Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Hanga Ammaatti Gaggeeffame Keessatti Roga Maraan Boqonnaa Haaraa Galmeessaan Kan Eegamu Filannoon Marsaa 7ffaa Adeeemsifamuuf Umrii Guyyoota 90 Hin Guutneetu Hafa.
Kanaaf Ammoo Paartileen Siyaasaa Garaagaraa Ulaagaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Kaa’e Guutuun Filannoof Adeemsarra Jiran Maanifestoo Isaanii Uummata Bor Isaan Filatuuf Ibsaa Jiru.
Gahee Boordii Filannoo Biyyaalessaan Miidiyaaleef Kenname Bahachaa Kan Jiru AMN PLUS Paartilee Siyaasaa Sadii; Paartii Wal-Qixxummaa Bilisummaa, Paartii Badhaadhinaafi Paartii Hiddaasee Bakka Tokkotti Affeeruun Wal-Falmii Yaada Siyaasaa Akka Dhiyeeffatan Taasiseera.
Paartileen Yaada Siyaasaa Garaagaraa Hordofan Kunneen Imaammata Hordofaniifi Maanifestoo Isaanii Ibsachuun Wal-Falmii Yaada Siyaasaan Guutameen Tokko Isa Biroof Gaaffii Dhiyeessuun Marii Bal’aa Taasisaniiru.
Paartileen Siyaasaa Sadeen; Paartii Wal-Qixxummaa Bilisummaa, Paartii Badhaadhinaafi Paartiin Hiddaasee Qophii Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaaf Qaban Ilaalchisuun Turtii AMN PLUS Sagalee Dhalootaa Waliin Taasisaniin Yaadama Qabatanii Dhiyaatan Dabalatee Biyya Sirna Akkamii Hordoftu Ijaaruu Akka Barbaadanis Wal-Falmii Yaadaa Yeroo Dheeraa Fudhachuun Taasisan Keessatti Ibsaniiru.
Guutuun Turtii Wal Falmii Yaadaa Paartiilee Siyaasaa Sadeenii AMN PLUS Sagalee Dhalootaan Kamisa Bitootessa 03/2018 Galgala Sa’atii 2:30 tti ni Dhiyaata.
Iddoosaa Abdiitiin Qindaa’e