Magaalota Finfinneefi Shaggar Keessatti Sararri Raabsaa Humna Ibsaa Irra Deebiin Ijaaramaa Jiraachuun Ibsame

You are currently viewing Magaalota Finfinneefi Shaggar Keessatti Sararri Raabsaa Humna Ibsaa Irra Deebiin Ijaaramaa Jiraachuun Ibsame

‎AMN PLUS – Guraandhala 30/2018

‎Magaalota Finfinneefi Magaalaa Shaggar keessatti dhiyeessii humna elektirikaa dhaqqabamaa taasisuuf pirojektii marsaa 4ffaa kan tahe sararri raabsaa humna ibsaa irra deebiin diriirfamaa jiraachuun ibsameera.

‎Pirojektichi baasii birrii biiliyoona 4.3’n hojjetamaa jiraachuu hoji raawwachiisaan Komunikeeshinii Dhaabbata Tajaajila Elektirikaa Itoophiyaa obbo Anwaar Abraar ibsaniiru.

‎Obbo Anwaar akka ibsaniitti hojiin kun kiiloomeetira 703 kan ta’u sarara raabsaa neetworkii dhaabbatichaa deebisan ijaaruufi dandeettii isaa guddisuu kan of-keessatti hammatudha.

‎Kana malees, tiraanisfoormeroota haaraa kuma 2 dandeettii adda addaa qaban dhaabuufi tiraanisfoormeroota duraan turan kuma 2 dandeettii isaanii guddisuun akka raawwatamus ibsaniiru.

‎Pirojekticha keessatti sararoota raabsaa 56 kanneen buufata raabsaa irraa bahan deebisee ijaaruu fi fooyyessuuf ni hojjetama. Akkasumas yeroo fayyadama humni elektirikaa garmalee dabalu to’achuuf kan gargaaran ‘load break switch’ 62 dhaabuun qaama hojichaa tahuun himameera.

‎Sadarkaan ijaarsa pirojeektichaa yeroo ammaa waliigalaan 36.74% kan gahe yoo tahu hojiin utubaawwan konkiriitii 2,857 dhaabuu akka raawwatame ibsameera.

‎Hojichi yeroo xumuramu magaalota Finfinnee fi Magaalaa Shaggar keessatti sarara raabsaa humna ibsaa giddu galeessaan waggaa tokko keessatti kiiloomeetira 100 irratti kan uumamu yoo tahu addaan ciccitinsa humna elektirika 27%’n hir’isuuf akka dandeessisu ENA gabaasera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply