Ummanni Harargee Beekumsaafi Obsaan Fardeen Diidaa Waggoota 500 Oliif Kunuunsee Turse – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Ummanni Harargee Beekumsaafi Obsaan Fardeen Diidaa Waggoota 500 Oliif Kunuunsee Turse – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Bitootessa 01/2018

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad daawwannaa hojii Harargee Bahaatti taasisan booda ibsa kennaniin, “Harargee Bahaa waan addaatu jira” jedhan.

Dooktar Abiyyi daawwannaa Holqa Naasii’olitti taasisaniin booda “holqa kanaan ala kan biraas jira, Harargee Bahaa seenaafi qabeenya uumama addaa himameen ol qabaachuu hubadheera” jechuun dubbataniiru.

Ministirri Muummee haasawaa isaanii keessatti uummatni Harargee jaalala kan beeku, bilisummaafi tokkummaa keessatti kan guddate dhaloota boriif kan seenaa gootummaa gudunfu tahus ibsaniiru.

Harargee Bahaa seenessa gogiinsatu jira jechuun ibsamaa tureera, haata’u malee uummata waggaa kumaatamaan lakkaa’amu jiraateefi seenaa bara dheeraa qabu ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi, “Uummatichi Uummata Hayyuufi Waa Kalaquu Danda’udha” jedhan.

Uummatni Harargee akkaataan itti fardeen gaara Qundhudhoo waggaa 500’f tursiise yoo ilaalle, hayyummaa, beekumsaafi obsa isaa agarsiisa” jedhan.

Kunis, uummatichi dabarsee of kennee uumamaaf kabaja qabu kan ittiin agarsiise ta’uu himan.

Arba, fardeen, albuudotaafi qabeenyi uumamaa biroon Harargee Bahaa keessatti kan argaman ta’uu ibsaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa keessaa rakkoon daandii jiraachuu hubatamuu kan kaasan Dooktar Abiyyi, kunis karoorfamee irratti hojjatamnaan hawwata tuurizimii, oomishaalee qonnaafi seenaa garaagaraa godinichatti argaman baasanii mul’isuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.

Godinni Harargee Bahaa naannolee Oromiyaa, Harariifi Sumaaleef handhuura wal quunnamsiisee jiru tahuu kaasuun godinichi misoomnaan magaalotni akka Harariifi Jigjigaa misoomuu kan danda’an himaniiru.

Qabeenya Harargee Bahaa keessa jiru baasuun Addunyaatti agarsiisuuf xiyyeeffannoon irratti hojjetamu akka qabus Dooktar Abiyyi Ahimad hoggansa naanichaa sadarkaan jiraniif hojimanee kennaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply