Finfinneen Feestivaala Aartii Namoota Kuma 200 fi Kuma 50 Caalan Hirmaachiisu Keessummeessuuf Jedhame

You are currently viewing Finfinneen Feestivaala Aartii Namoota Kuma 200 fi Kuma 50 Caalan Hirmaachiisu Keessummeessuuf Jedhame

AMN PLUS – Bitootessa 03/2018

Finfinneen Feestivaala Aartii Namoota Kuma 200 fi Kuma 50 caalan hirmaachiisu keessummeessuuf qophii xumuruun ibsameera.

Torbeen Feestivaala Aartii marsaa 17ffaaf qophaa’u kun mata duree ‘Kennaa Ogummaa Olka’insa Itoophiyaaf’ jedhuun akka qophaa’uu ibsameera.

Haala qophii feestivaalichaa ilaalchisuun ibsa kan kennan Hoggantuu Itti Aaantuun Biiroo Aadaafi Aartii Magaalaa Finfinnee Aadde Lubaabaa Jamaal namootni kennaa Og-aartii qaban kennaa isaanii baasanii mul’isuufi warreen bulleeyyii ammoo muuxannoo isaanii kan itti qoodan tahuu himaniiru.

Feestivaalli Aartii jiraattota magaalaa Finfinnee dabalatee namoota kuma 200 fi kuma 50 caalan ni hirmaachiisaan eegamu kun Addabaaba’ii Masqalaatti Bitootessa 5-7/2018tti kan keessummeeffamu yoo tahu saganticharratti dorgommiiwwan Aartii, Simpooziyeemiifi dhimmootni og-artii kanneen biroos ni dhiyaatu jedhameera.

Gabaasni kan Bayyanaa Taaddasaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply