AMN PLUS – Bitootessa 03/2018
Miidiyaaleen Itoophiyaa odeeffannoo kennuu qofa osoo hin taane faayidaa biyyaalessaa eegsisuu keessatti gahee isaanii sirnaan bahachuu qabu jedhan Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Daaqoon Daani’eel Kibrat.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa konfiraansii mata dureen isaa ‘Miidiyaaleen Faayidaa Biyyaalessaaf’ jedhu qopheessera.
Konfiraansicharratti argamuun ergaa kan dabarsan Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Daaqoon Daani’eel Kibrat dur osoo miidiyaaleen ammayyaa hin jiraatiin Itoophiyaanotni afoola Garaagaraan wal onnachiisuun birmadummaa itoophiyaa kabachiisuu isaanii yaadachiisaniiru.
Faana waloomaa Itoophiyaanotaa kaleessa ture har’as itti fufsiisuuf miidiyaaleen dhimmoota faayidaa biyyaalessaa, tokkummaa sabdaneessummaa, seenessa waloo ijaaruun badhàadhina Itoophiyaa milkeessuurratti cimanii hojjechuu qabu jedhaniiru.
Daayirektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Aadde Hayimaanot Zallaqaa gama isaanitiin miidiyaaleen odeefannoo dhugaa, wayitaawaafi haala qabatamaa addunyaa faayidaa biyyaalessaa yaada keessa galchuun xiinxaluun itti gaafatamummaa biyyaafi uummataa seeraan akka bahataniif konfiraansichi qophaa’uu ibsaniiru.
Gabaasni kan Zallaqaa Oljirraati