AMN PLUS – Bitootessa 05/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaa UAE xumuruun gara biyyaatti akkuma deebi’aniin lammiilee Godina Gaamootti balaa uumamaan miidhaman gaafachuuf kallattumaan magaalaa Arbaaminc gahaniiru.
Turtii isaaniinis miidhaa dhaqqabe daawwachuun, hojii deeggarsa namoomaa kennamaa jiran akka qorataniifi kallattii akka kaa’an Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.
Balaa lolaa rooba cimaa guyyoottaniif robe hordofee sigigni lafaa mudate lubbuu lammiilee dabarsuufi qabeenyarra miidhaa geessisuu yaadachiiseera.
Lagni Kuulfoo humnaa ol guute mandaroota, manneen jireenyaa, ooyiruuwwan qonnaa fi bu’uuraalee misoomaa mancaasuus eereera.
Hojiilee lubbuu baraaruu cimsanii itti fufuun maatii miidhamtootaa cinaa dhaabbachuun barbaachisaa akka ta’e hubachiiseera.