Finfinnee wiirtuu idil-addunyaa taasisuuf hojii milkaa’aa hojjatame keessatti qindoominni Raayyaa Poolisii kan dinqisiifatamudha- Obbo Jaanxiraar Abbaayi

You are currently viewing Finfinnee wiirtuu idil-addunyaa taasisuuf hojii milkaa’aa hojjatame keessatti qindoominni Raayyaa Poolisii kan dinqisiifatamudha- Obbo Jaanxiraar Abbaayi

‎AMN PLUS- Bitootessa 05/2018

Feestivaalli Ispoortii Poolisii Finfinnee eegalame.

‎Feestivaalliifi dorgommiin Ispoortii Poolisii sadarkaa magaalaa Finfinneetti adeemsifamu kun mata duree “Ergama Gootummaan, Ispoortii Bu’aan” jedhuun har’a Istaadiyemii Abbabaa Biqilaatti haala ho’aan eegalameera.

‎Kantiibaan Itti Aanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay wayita feestivaala kana haasawaan banan, magaalaan Finfinnee hawwata tuuristiifi wiirtuu idil addunyaa taasisuuf hojii milkaa’aa hojjatame keessatti qindoominni Raayyaa Poolisii kan dinqisiifatamu ta’uu ibsaniiru.

‎Hojiin badhaadhinaa Finfinneetti hojjatamaa jiru cimee akka itti fufuuf Poolisiin gumaacha isaa bahachuu akka iffi fufu yaadachiisaniiru.

‎Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Letenaal Jeneraal Asraat Denneeroo gama isaaniin Poolisiin ergama kabachiisuu nagaa magaalichaafi biyyaa gahumsaan ba’achaa jiraachuu eeruun, bu’aawwan gama Ispoortiin galeessaa jiruun illee ispoorteessitoota waltajjii idil addunyaa irratti alaabaa Itoophiyaa ol kaasanii mirmirsan horachuu himaniiru.

‎Dabalataanis, Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Obbo Assaggidaw H/Goorgis, Wal dorgommiin kun tokkummaa miseensota Poolisii jidduu jiru cimsuu irra darbee ispoorteessitoota bebbeekamoo horachuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

‎ Feestivaalaafi Wal dorgommii har’a eegalame irratti qajeelchotni Poolisii Kutaa Magaalaa 11’nuu yoo hirmaatan gosoota Ispoortii 6’n kan Wal morkatan ta’uu hubatameera.

‎Aniwaar Ahimad’tu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply