AMN PLUS- Bitootessa 05/2018
Garaagarummaa ilaalchaa mariifi marabbaan furuun sirna uummata fayyadamaa taasisu ijaaruu qabna jedhan Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa.
Mariin Paanaalii qaamoleen hawaasaa garaagaraa irratti hirmaatan akka naannoo Oromiyaatti mata-duree “Wal-ajjeechaan Obboleewwanii Yaa Dhaabbatu Nageenyi Waaraan Fulla’insaan Yaa Mirkanaa’u” jedhuun Finfinneetti taa’amaa jira.
Marii kana irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa akka jedhanitti, seenaa ijaarsa biyyaa keessatti cunqursaafi dararaa uummata biyya kanaa irra ture Oromoonis keessa darbuu kaasanii, kanas hundeen buqqisuuf Oromoon qabsoo taasiseen wareegama guddaa fi aarsaa lubbuu kaffaluun injifannoo waggoottan jahan asitti argachuu dubbataniiru.
“Nuti warra milkiiti. Wareegamni kaffalaa turre badheetti hin hafne. Abbas qe’ees taaneerra” kan jedhan Obbo Kaffaaloon, wayita ammaa kanatti ammoo qabsoon itti jirru qabsoo doofummaafi duubatti hafummaa irratti taasisaa jirruudha” jedhaniiru.
“Qabsoo Oromoo keessatti dhimmoonni harca’anii hafan jiraachuu malu, garaagarummaan ilaalchaa nu jidduu jiraachuu mala, kanas mariifi marabbaan furuun uummata keenya fayyadamaa taasisuu qabnaa jedhaniiru Obbo Kaffaaloon.
Obbo Kaffaaloon itti dabaluun “Oromoon har’as borus mari’atee rakkoo isaa furachuun sirna jabaa biyya keenya ceesisu, akka Gaanfa Afrikaatti mataa ol-qabannee akka deemnu nu taasisu ijaarrachuu qabana, Kana kan gochuu dandeenyu yoo waldhageenye qofadhaa” jedhaniiru.
Waltajjii marii kana kan qopheessan Gamtaa Qeerroo Dargaggoota Oromoo yoo ta’u; gamtichi walitti bu’uunsa naannoo Oromiyaa bakkeewwan muraasatti darbee darbee uumamuun wareegamni akka dhaabbatuufi waldhabdeen mariin akka hiikkatuuf dhiibbaa gochaa jiraachuunis ibsameera .
Marii Paanaalii kana irratti Waraqaawwan qorannoo seenaa qabsoo Oromoo ibsaniifi nageenya Oromiyaa keessatti waaraan fiduuf yaada furmaataa kan akeekan dhihaataniiru.
Marii Paanaalii kana irratti anga’oonni mootummaa Olaanoon kan naannoofi federaalaa, hayyoonni, artistoonniifi qaamoleen kutaa hawaasaa garaagaraa irratti hirmaataa jiru.
Bayyanaa Taaddasaatu Gabaase