AMN PLUS – Bitootessa 05/2018
Teessoon diiploomaasii Afriikaa Finfinneen roga maraan fakkeenya tahuun waan irra jiraatuuf akka dhala hangafaa maatii tokkotti ilaalamti.
Finfinneen bakka walgeetti saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa tahuun tajaajilaa jiraachuun walqabatee namni guutuu Itoophiyaa naanna’ee daawwachuuf humna dhabe tokko magaalaa guddoo biyyattiitti waa mara daawwachuuf carraa bal’aa qaba.
Yeroo ammaa kanammoo misooma koriidariin ayyaana miidhaginaa gonfachuun gama maraan ija kan guutte Finfinneen magaalota xixiqqaa biyya keessaaf mitii magaalota Afrikaaf fakkeenya tahuun bakka muuxannoo qooddatan taatee jirti.
Haata’uuti misoomni har’a irra magaalattii jijjiiruun iddoowwan bashannanaa tajaajila hawaasaaf oolan argachiise, bakkeewwan kaleessa balfi garaagaraa itti gatamaa ture har’a bakka itti suuraa kahan taaisuun amma darbee deemeera.
Magaalotni naannolee biyyattii Finfinneerraa muuxannoo fudhachuun har’a bu’aa misooma koriidariin kanneen Finfinnee fakkaatan xixiqqoon
hedduun uumamaniiru.

Hawaasni kaleessa misooma koriidarii kana maalti nutti fide jedhee yaadaan gumgume, har’a baga nuuf dhufeefi kaan ammoo yoom nu bira gahaa yaada maddisiisaa jira.
Kahumsi Finfinnee yoo tahu misooma koriidarii irra magaalota biyyattii jijjiire duuba harki hoggansaa, ogeeyyiin garaagaraa, hojjettootni humnaa, aadaan hojii misoomicha waliin dhufe 24/7 bu’aa fakkeenyummaa Finfinneen kutaalee biyyattiif gudunfiteeti yoo jenne dhugaa qabatamaadha.
Finfinnee magaalaa fakkeenya badhaadhinaa yoo jedhamu, dursitee argamuun roga maraan muuxannoo qooduu, jiraattota ishee akka haadha deessetti ofitti qabattee waliin guddachuu amma mul’achaa jiru, giddu gala turizimii, wiirtuu waa mara irraa qooddatan taatee argamuutuu irra jiraata jechuudha.
Kunis amma taha jiraachuu isaaf waltajjiiwwan Konfiraansii Idil Addunyaa Finfinneetti gaggeeffamaniifi gaggeeffamaa jiran ragaadha.
Keessummootni Ardii Afrikaafi guutuu Addunyaarraa gara Finfinnee dhufan magaalaa simboo miidhaginaa uffatte yoo argan, maaltuu bu’eef jechuun ala dhuguma yeroo gabaabaatti hojiin akkasitti hojjetamaan amanuuf warreen rakkatan hedduudha.
Oolanii bulanii garuu yaada sammuufi ija walitti araarsuun dhugumatti hojjetan jijjiiruun akka danda’amu galaa taasifachuun gara irraa dhufanitti deebi’u jechuudha.
Waa’een misooma koriidarii dubbatamee kan dhumu waan hin taaneef, Finfinneedhaa ka’ee biyya waliin gahe jennee yeroof dubbii gudunfuu filanneerra.
Harki hojjeteefi hoggansi durse haa eebbifamuun waan uumaan jaallatuudha!
Iddoosaa Abdiitiin