AMN PLUS – Bitootessa 07/2018
Poolisiin Finfinnee boba’aa baarmeela 6 karaa seeraan alaa daddabarfamuuf ture shakkamtoota gochicha keessatti hirmaataniiruun shakkaman waliin to’annoo jala oolchuu beeksiseera.
Shakkamtootni yakkicha kan raawwatan Finfinnee buufata boba’aa naannawwaa Massaalamiyaatti argamutti tahuun ibsameera.
Shakkamtootnis hojjetaa buufatichaa boba’aa buusuu irratti bobba’e Ashannaafii Xilaahuniifi hojii isaa konkolaachisaa Sulxaan Taklaay tahuu Qajeelchi Poolisii Finfinnee beeksiseera.

Namootni maqaan isaanii eerame kunneen dukkana dawoo taasifachuun boba’aa baarmeela 6 jechuunis Liitira 1200 waraabuun konkolaataa FSR lakkoofsi gabatee 55857 A koodii 3’tti fe’anii osoo geejjibsiisaa jiranii Kutaa Magaalaa Lidataa Aanaa 5 bakka addaa Peepsii jedhamutti to’annoo jala oolfamuu Qajeelchi Poolisii Kutaa Magaalichaa ibseera.
Poolisiin shakkamtootni kunneen karaa seeraan alaa boba’aa Finfinneedha gara bakka birootti baasuuf osoo socho’anii tahatamuu beeksiseera.
Haala waqataawaa Idil Addunyaa bob’aan wal-qabatee yeroo ammaa jiru akka carraa gaariitti fayyadamuun buufataalee boba’aa, hojjettootaafi namoota dhuunfaa boba’aa biyya alaatii baasii hedduun itti ba’ee gara biyyaatti galfame dhoksaniifi hojii yakka walfakkaataa irratti bobba’an irratti tarkaanfii seeraa kan fudhatu Qajeelchi Poolisii Magaalaa Finfinnee hubachiiseera.