Fakkiin maalummaa magaalaa tokkoo ibsuuf humna guddaa qaba – Dargaggoota Fakkii Kaasan

You are currently viewing Fakkiin maalummaa magaalaa tokkoo ibsuuf humna guddaa qaba – Dargaggoota Fakkii Kaasan

AMN PLUS – Bitootessa 07/2018

Finfinneetti gaalariiwwan fakkii bakkeewwan garaagaraatti sababaa misooma koriidariin banaman dabalatee godaambaawwan seenuun fakkiiwwaniin bohaaruun kan baratames ta’u yeroo ammaa garuu fakkiiwwan sababaa misooma magaalaa Finfinnee hojjataman seenaa himuu eegalaniiru.

Dargaggoota ogummaa fakkii kaasuun jireenya isaanii gaggeeffachaa jiran AMN dubbise fakkiin maalummaa magaalaa tokkoo ibsuuf humna guddaa qabaachuu ibsuun misoomni koriidarii ammoo hojiin isaanii soora qalbii sammuu tahe kun fuulduratti akka bahu taasisuus ibsaniiru.

Sababaa misooma koriidariin hojii Finfinnee naannawwaa Farsansaay Beellaa jedhamuun waamamutti hojjatameen fakkiiwwan hedduun kaafaman haala naannawwaa sanaa jijjiiruu irra darbee dargaggoota ogummaa fakkii irratti bobba’anii jiraniif carraa hojii uumuun, jiraattotaaf ammoo seenaa qoodaa jiraachuun himameera.

Dargaggootni haala mijataa hin taane keessatti naannawaa mana jireenyaa isaaniitti daanga’uun fakkii kaasaa turan, amma garuu bakka namootni hunduu isaan arguu danda’anitti dandeettii fakkii isaanii agarsiisuurra darbuun niidhagina misooma koriidarii magaalaa Finfinnee ta’aa jiru jedhameera.

Hojiiwwan fakkii gurguddaa kanneen xumuruuf akkaataa si’aa’ina ogeeyyii kanaatti hamma baatii sadii gahu kan itti fudhatu yoo ta’u, bu’aan isaanii bifa magaalaa guutummaatti jijjiiraa jira.

Fakkiiwwan goleewwan manneeniifi daandii irratti mul’atan kunneen akkasumaan miidhagina isaaniif qofa kan ilaalaman osoon taane, mul’ata biyyaa kanneen calaqqisiisaniidha.

Mul’ataafi galma egeree Itoophiyaa keessaa abdii mirga ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa kanneen agarsiisan dooniiwwan gurguddoo hedduu, xiyyaarota daandii qilleensaa Itoophiyaafi kanneen biroo suuraan kaafamaniiru.

Hojiiwwan qarqara daandiiwwanii irratti ededoota jiran fayyadamuun kaafaman kunneen maalummaafi seenaa Itoophiyaa gama ogummaa fakkiin kanneen hubachiisaniifi yaadachiisanidha.

Dargaggootni ogummaa fakkiin guddataa, abdii egeree biyya fakkiin barsiisan kunneen, “waa’ee ulaa galaanaafi buufata doonii barumsa guddaa daa’immaniifi jiraattota naannoof kennaa jirra” jechuun AMN’tti himaniiru.

Daandii irratti ba’uun fakkii kaasuun dhiibbaa qabaatus, namootni yeroo isaan bira darban jajjabina isaaniif kennan caalmaatti kan isaan jabeessaa jiru ta’uu ibsaniiru.

Hojiin ogummaa fakkii kun galii isaaniif argamsiisuun maatii akka gargaaran taasisuu irra darbuun ijaarsa biyyaaf ashaaraa isaanii akka ka’an gumaachuun ibsameera.

Hojiiwwan fakkii misooma qarqara laggeeniifi koriidarii hordofuun naannawaa Faransaay Beellaatti suuraan kaafaman kunneen magaalattiin gama og-aartiin ce’umsa gaarii mul’isaa jiraachuu kan ibsu ta’uu eerameera.

Hojiiwwan aartii kunneen miidhagina magaalaa dabaluu irra darbee dandeettii kalaqa dargaggootaa Addunyaatti mul’isuufi riqicha tokkummaa biyyaalessaa ijaaruuf fayyadu ta’uus hubatameera.

Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply