AMN PLUS – Bitootessa 07/2018
Kilabni Magaalaa London Cheelsiin seera jijjiirraa taphattootaaf bahe cabsuun gabaa jijjiirraa taphattoota garee kilabichaa jalqabaaf akka hin raawwanne dhorkamuu ibsameera.
Dhorkiin Cheelsii abbaa qabeenya kilabichaa duraanii Roomaan Abraamoovich waliin kan wal-qabatu yoo ta’u seera kaffaltii jijjiirraa taphattootaa cabsuun pirimeerliigiin qoqqobbii irra ka’uun ibsameera.
Bu’uura kanaan adabbiin Cheelsii Paawondii Miiliyoona 10.75 dabalatee waggaa tokkoof gabaa jijjiirraa taphattootaatti hin hirmaatu jedhameera.
Kanaanis Cheelsiin bara dhufu seera kaffaltii faayinaansii isaa hin sirreessu taanaan murtoon jedhame kun akka hojiirra oolu ibseemeera.