AMN PLUS – Bitootessa 08/2018
Magaalaa Finfinneetti daldaltootni hojiilee misoomaaf bakka hojii isaanii irraa kaafamaniifi humna deebisanii ijaarrachuu hin qabne suuqiiwwan mootummaan ijaaraman carraadhaan kennamuufiin ibsameera.
Kaafamtootni misoomaa kanaan dura manneen daldalaa gandaafi mootummaa kireeffatanii hojjataa turan, aksiyoonaan gurmaa’anii gamoo daldalaa akka ijaaran carraa argatan kan turan tahus jiraattotni hedduun kaffaltii liizii raawwachuun ijaarrachuuf humna kan hin qabne ta’uun Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti iyyachaa turaniiru.
Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Misooma Lafaa Magaalaa Finfinnee Obbo Mokonnin Yaa’ii, misooma koriidarii, qarqara lageeniifi deebisanii misoomsuuf kaafamanii daldaltoota aksiyoonaan itti fufuu hin dandeenyeefi humna hin qabne qaboo yaa’iin gargar baasuun, suuqiiwwan bakka bu’iinsaan akka kennameef kaasaniiru.
Yeroo ammaas suuqiiwwan misooma koriidariin hojjataman kireeffatanii akka hojjatan haalli mijachuus ibsaniiru.
Suuqiiwwan 315 bakka sochiin daldalaa bal’inaan itti adeemsifamutti kan argaman yoo ta’an, isaan keessaas 249 kutaa magaalaa Lidataafi 66 ammoo Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti kan argaman ta’uu AMN’tti himaniiru.
Namoota carraa kanaan fayyadamoo ta’an keessaa obbo Amduu Kadir, carraa kana argachuu isaaniitti gammaduu ibsuun cimanii hojjachuun ofis ta’e biyya isaanii tajaajiluuf kaka’umsa qabaachuu dubbataniiru.
Aadde Alamwarqi Abbabaa gama isaaniin, waggaa 4’f hojii daldala buna jabanaa hojjachaa turuu eeruun, suuqii amma kennameefitti hojii fooyya’aa ta’e hojjachuuf karoora qabaachuu ibsaniiru.
Dabalataanis Obbo Sayid Hasan, daldaltootni kunneen manaafi bakka hojii isaanii irraa kaafamuun rakkachaa turuu kaasuun, Bulchiinsi Magaaalaa Finfinnee suuqiiwwan daldalaa kanneen ijaaree kennuun isaa abdiifi jijjiirama guddaa ta’uu dubbataniiru.
Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Misooma Lafa Magaalaa Finfinnee Magaalattiin waadaa jiraattota ishee waliin guddachuu dhugoomsaa jiraachuuf hojiin akkasii agarsiiftuu tahuu ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e