Birmadummaa loojistiksii mirkaneessuuf boqonnaa haaraa irra jirra- Obbo Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing Birmadummaa loojistiksii mirkaneessuuf boqonnaa haaraa irra jirra- Obbo Tamasgeen Xurunaa

‎AMN PLUS-Bitootessa 8/2018

‎Pirojektootni Sarara Baaburaa Buufata meeshaalee goggogaa Andoodeetti babal’ifame birmadummaa loojistiksii mirkaneessuuf boqonnaa haaraa irratti akka argamu Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.

‎Pirojektootni Sarara Baaburaa Buufata gogaa Andoodeetti babal’ifamaa jiru haaromsa dinagdee Itoophiyaaf bu’uura cimaa akka ta’e Obbo Tamasgeen Xurunaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniitiin maxxansaniiru.

‎Piroojektiin sarara baaburaa Andoodee bu’uuraalee misoomaa dhaabbata dhuunfaa biyya keessaa AMG jedhamuun kan jalqabame ta’uu isaas ibsaniiru.

Kunis dameen dhuunfaa ijaarsa biyyaatiif kutannoo qabu kan agarsiisudha jedhaniiru.

‎Dhaabbanni Kun pirojektii yeroo qabameef dursee xumuruun qajeelfama badhaadhinaa “Karoorsanii Jalqabuun, Jalqabanii Xumuruu” kan jedhu kan mirkaneesse ta’uus dubbataniiru.

‎Sararri baaburaa kiiloo meetira sadii kun buna dabalatee oomishaalee Zoonii Indaastirii Gaalan keessatti oomishaman kallattiin sarara baaburaa waliin kan walqunnamsiisu yoo ta’u, oomishaalee kanneen saffisaa fi gatii dorgomaa ta’een gabaa addunyaaf akka dhiyaatan kan taasisu ta’uus ibsaniiru.

‎Babal’inni buufata meeshaalee gogaa Andoodee dandeettii kuusaa konteenaraa dachaa 5n kan dabaluufi yeroo fe’umsaa fi buusuu sa’aatii 10 irraa gara sa’aatii 2tti hir’isuun sirna daldalaa ammayyeessuun tajaajila loojistikii saffisaa uumuu keessattis shoora olaanaa akka qabus himaniiru.

‎Bu’uuraaleen dhaabbata biyya keessaatiin ijaaraman kun dorgomtummaa loojistiksii biyyaa fooyyessuu caalaatti birmadummaa dinagdee biyyaa cimsuu keessattis gumaacha guddaa akka qabu kaasaniiru.

‎”Itoophiyaa wiirtuu daldalaa fi indaastirii Afrikaa taasisuuf imala keenya itti fufnas” jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply