Hojiin turizimiifi eegumsa naannoo Finfinneetti hojjetame Afrikaanotaaf muuxannoo haaraadha – Lammiilee Afrikaa

You are currently viewing Hojiin turizimiifi eegumsa naannoo Finfinneetti hojjetame Afrikaanotaaf muuxannoo haaraadha – Lammiilee Afrikaa

‎AMN PLUS – Bitootessa 08/2018

Magaalaan Finfinnee hojii turizimiifi eegumsa naannoo wal-simsiisuun hojjechuun biyyoota Afrikaa biroofillee muuxannoo haaraa taha jedhan lammiileen biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa dhufan hojiilee misoomaa magaalattii daawwatan.

Misoomni koriidarii qarqara laggeen Finfinnee hojii eegumsa naannoofi turizimiin wal-simee hojjetamuun hojii dinqisiisaa, biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya kan jechuun bakka bu’ootni biyyoota miseensa Komiishinii Yaa’a Laga Zaambeezii misooma Finfinnee daawwatan ibsaniiru.

Daawwattootni kunniin misooma qarqara laggeen magaalaa Finfinnee qaamaan irra gahan daawwachuutti gammaduu ibsuun qarqarri laggeen magaalattii gara iddoo bashannanaa uummataafi miidhagina magaalaa tahuutti jijjiiramuun dinqisiifataniiru.

Barreessaan Olaanaa Komiishinii Yaa’a Laga Zaambeezii Feeliksi Moosii Nigaamlaagosii waan daawwatan irraa ka’uun akka ibsaniiti magaalotni Afrikaa karooraan hojjetamuun hawwattummaa qabaachuun bakka gahumsa turistoota Idil Addunyaa taasisuuf Finfinneen fakkeenyummaa ka’uu akka dandeessuu ibsaniiru.

Lammiin Zimbaabuwee Chiitoo Fiirii gama isaan ijaarsi paarkota bashannana uummataa bal’inaan hojjetamaa jiru baay’ee dinqisiisaa ta’uu ibsuun, kunis miidhaginni magaalattii akka dabalu taasisuu ibseera.

‎Akkasumas misooma qarqara laggeeniifi koridarii Finfinneetti hojjetame dabalatee kanneen hojjetamaa jiranis imaltoota daandii miilaa giddu galeessa taasifachuun hojjetamuun hawaasa fayya buleessa horachuuf akka gargaarullee ibseera.

‎Namni Moozaambiik irraa dhufe Maanyuweel Chaaguuloo immoo, waggoota 15 dura Itoophiyaa daawwatee turuu himuun jijjiirama guddaafi guddina dinqisiisaa Finfinneetti mul’ate arguu isaa ibseera.

‎Lammiileen Afrikaa carraa Finfinnee daawwachuu argatan kunniin walumaagalatti Itoophiyaan misooma magariisaa dabalatee daandii jijjiiramaa qabatamaa irra jiraachuun fakkeenya gaarii taatee jirti jedhaniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply