Qabxiin waancaa Afriikaa Senegaal galmeessiste haqamee waancichi Moorookoof akka kennamu murtaa’e

You are currently viewing Qabxiin waancaa Afriikaa Senegaal galmeessiste haqamee waancichi Moorookoof akka kennamu murtaa’e

AMN – Bitootessa 8/2018

Qabxiin waancaa Afriikaa Senegaal galmeessiste haqamee waancichi Moorookoof akka kennamu ‘CAF’ murteesseera.

Tapha xumuraa waancaa Afriikaa falmii cimaa keessummeesseen Senegaal qopheessituu waancaa Afriikaa Moorookoo goolii 1 fi 0’n injifachuun ishee ni yaadatama.

Taphattoonni garee biyyaalessa Senegaalis murtoo abbaa seeraa daqiiqaa xumuraa irratti kenname mormuun dirree gadi lakkisanii bahuun isaaniis ni yaadatama.

Dhimmicha qorataa kan ture ‘CAF’ taphattoonni Senegaal gara dirreetti deebi’anii taphicha xumuranis addaan kutanii bahuun isaanii addabbiif isaan saaxiluu beeksiseera.

Koreen ol iyyannoo ‘CAF’ qeeqa garee biyyaalessa Moorookoorraa dhihaate qorataa ture ittiin bulmaata j ‘CAF’ caqasuun qabxiin tapha xumuraa irratti galmaa’e foorfee ta’ee Moorookoon goolii 3 fi 0’n akka injifattu murteesseera.

Wandimmaagany Asaffaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply