AMN PLUS – Bitootessa 09/2018
Guyyaan kabaja ‘Mirga Shamattootaa Idil Addunyaa’ akka Addunyaatti yeroo 43ffaaf akka biyya keenyaatti ammoo yeroo 13ffaaf kabajameera.
Guyyichi walta’insa Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhaminsa Naannawwaa fi Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinneetiin mata duree “Oomishaafi Tajaajila Qulqullinniifi Nageenyi Isaa Eegame Fayyadamummaa Shamattootaaf” jedhuun kabajameera.
Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhaminsa Naannawwaati Hoji-Raawwachiisaa Olaanaan Daldala Biyya Keessaa Obbo Liquu Banabbaruu haasawaa waltajjicha irratti taasisaniin nageenya haawasa shamattootaa eeguuf mootummaan qulqullina oomishaafi tajaajilaaf xiyyeeffannoo kennuun baasii guddaa itti baasee hojiiwwan heddu hojjechaa jiraachuu himanii, qulqullinni jireenya qananii jiraachuuf osoo hin taane ulaagaa jalqabaati jedhaniiru.

Kaayyoon kabaja guyyichaas hariiroon shamattootaa sadarkaa Idil-Adunyaatti akka cimuufi gamtaa akka uummataniif akkasumas hubannoo cimsuufis jedhan Obbo Liquun.
Guyyaan kabaja ‘Mirga Shamattootaa Idil Adunyaa’ bara 1983 A.L.A irraa eegalee kabajamaa jiraachuus ibsuun mirga nageenyaa, odeeffannoo argachuu, filachuufi dhageettummaa shamattootaa giddu galeessa kan godhatee akka tahes hubachiisaniiru.
Saganticharratti qondaaltootni Olaanoo Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawwaa, Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee, Gamtaan Oomishtootaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu argamaniiru.
Gabaasni kan Bayyanaa Taaddasaati