AMN PLUS – Bitootessa 09/2018
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Ayyaanni Iid Al-Faxir 1447ffaan wayita kabajamu harka qalleeyyii yaadachuun kabajamuu akka qabu beeksiseera.
Manni Marichaa Ayyaana Iid Al-Faxir 1447ffaa ilaalchisuun ibsa kenneen ergaa baga ittiin isiin gahee dabarseera.
Ibsicha kan kennan Pireezidaantiin Itti Aanaa Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Sheeh Mahaammad Shariif Ayyaanni Iid Al-Faxir yeroo kabajamu waliif yaaduun kanneen hinqabne yaadachuun tahuu akka qabu ibsaniiru.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaan yeroo gaggeeffamuuf adeemsarra jirutti Ayyaana Iid Al-Faxir kabajuun ayyaanicha adda akka taasisaa kaasuun hawaasni muslimaa bilisaan ba’ee nama naaf taha jedhu filachuun ijaarsa biyyaa keessa qooda akka keewwatus Sheeh Mahaammad ibsaniiru.
Garaagarummaa caalaa obbolummaa bu’uura irraa cimsuun duudhaa amantaan Islaamaa jajjabeessu tahus hubachiisuun yaadni tokkummaa biyyaalessaa waaressu cimee itti fufuu akka qabus waamicha dhiyeessaniiru.
Barreessaa Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Sheek Habuddiin Sheek Nuuraa gama isaaniin hawaasni muslimaa Ji’a Ramadaanaa guutuu kadhannaafi hojii gaariin dabarsitan baga Ayyaana Iidal Faxriin isin gahe jedhaniiru.
Harka qalleeyyii gargaaruufi hojii toltuu Ramaadaana keessa hojjachaa turre Guyyaa Ayyaana Iidal Faxiriis caalmaatti jabeessuufi Zaqaatul Fixrii baasuun Gammachuun keenya guutuu akka tahuuf jabaachuu qabna jedhaniiru.
Ayyaanichi akkaataa duudhaa amantaa islaamaan kabajamee akka darbuuf hawaasni muslimaa qaamolee nageenyaa waliin tahuun tumsa abbummaa akka taasisuus ergaa dabarsaniiru.
Guyyaa Ayyaanichaatti Hawaasni Muslimaa Gara Dirree Salaataatti yeroo imaluufi deebi’u akkasumaas, Meeshaalee iddoo Salaataatti fayyadamu, Miidhagina Misooma Magaalaa Finfinnee Siimboo Ayyaanichaa tahe akka hin balleessine of eeggannoon tajaajilamuufi socho’uun dirqama nama hundaa tahuu dhaamaniiru.
Gabaasni kan Mahaammad Toofiq