Finfinneetti hiikkaan gaa’ilaa kuma 5fi 800 caalu baatii jaha keessatti galmaa’e

You are currently viewing Finfinneetti hiikkaan gaa’ilaa kuma 5fi 800 caalu baatii jaha keessatti galmaa’e

AMN PLUS- Bitootessa 09/2018

Fuutiifi Duuti Hin Oolun mammaaksa uummata Oromoo biratti hiika guddaafi kabajas qabudha. Haata’utii gaa’ila moo itti gaafatamummaaf qophaa’utuu dursa?

Gaa’illi raawwatamu har’a akka kaleessaa osoo hin taane galmeen qabamuun eessatti maaltu, yoom, eenyu waliin raawwatame kan jedhu sanadaan ol kaa’ama.

Fakkeenyaaf Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Ejensiin Galmeessa Siiviliifi Tajaajila Jiraattotaa Magaalatti dhimmoota hordofuu keessaa tokko waliigaltee gaa’ilaati.

Ejensichi hordoffii taasisuun baatiiwwan jahan darbanitti gaa’illi haaraan kuma 19 fi 800 kan galmaa’e yoo tahu akkuma kana cimdiiwwan kuma 5 fi 800 caalan ammoo waliigaltee gaa’ilaa waliin qaban addaan kutuun ibsameera.

Daayirektarri Itti Aanaa Ejensii Galmeessa Siiviliifi Tajaajila Jiraattotaa Magaalaa Finfinnee Obbo Xigaabuu Shuumey, tajaajiloota hawaasummaa garaagaraaf ragaan gaa’ilaa akka haal-dureetti kan fudhatamu waan ta’eef bultiiwwan diigaman sirnaan galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Gama biraatiin, hiikkaawwan galmaa’an keessaa kuma Tokkoo fi 750 ol kanneen murtiin hiikkaa erga kennamee booda guyyaa 30 keessatti galmaa’an yoo ta’u kanneen hafan 695 immoo turanii kan galmaa’an akka ta’an hubatameera.

Kunis lakkoofsi galmee hiikkaa bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu, kuma lamaa ol caalmaa qabaachuun ibsameera.

Sababoota hiikkaa ilaalchisee, Ogeettiin Seeraafi Dhimma Hawaasummaa Aadde Maqdas Asfaawu, rakkooleen gaa’ela keessatti uumaman yeroo baay’ee tasa kan uumaman osoo hin ta’in, dhimmoonni xiyyeeffannaa dhabanii yeroo dheeraaf harkifatan xumurri isaanii akka hiikkaa ta’u ibsaniiru.

Gaa’ela hundeessuunis ta’e diiguun filannoo namoota dhuunfaa ta’us, dhiibbaan wal hiikuu booda dhufu salphaatti to’atamuu akka hin dandeenye kaasaniiru.

“Hiikkaan gaa’elaa kallattiin namoota dhuunfaa fi daa’imman irratti miidhaa geessisa; akkasumas karaa al-kallattiin immoo bu’uura biyyaa kan ta’e diiga” jechuun dubbataniiru.

Lammiin fayyaalessi maatiifi bultii fayyaalessa keessaa akka maddu kan eeran ogeettiin seeraa kun, daa’imman rakkinaafi wal’aansoo jireenya maatii isaanii ilaalaa guddachuun rakkoo eenyummaa akka isaan irratti uumu hubachiisaniiru.

“Kunis daa’imman kunneen hawaasaaf yaaduu caalaa ofii isaanii qofa irratti xiyyeeffachuu yookaan ofittummaa (individualism) akka gabbifatan taasisuu mala” kan jedhan, Aadde Maqdas deemee deemee guddina biyyaatti danqaa akka ta’us ibsaniiru.

Lakkoofsa hiikkaa hir’isuufi daa’imman gaaga’ama xiin-sammuu irraa baraaruuf furmaanni guddaan qophii gaa’ela duraa ta’uu kaasaniiru.

Kanaafis namoonni gaa’elatti osoo hin seenin dura itti gaafatamummaaf qophaa’uu isaanii dursanii hubachuu, akkasumas dhiibbaa dhuunfaafi naannawwaa isaanii irraa itti dhufu adda baasanii beekuu akka qaban hubachiisaniiru.

Gabaasa Barakat Geetaachoo, Malkaamuu Abbabaatu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply