Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa badhaasa idil addunyaa argate

You are currently viewing Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa badhaasa idil addunyaa argate

AMN PLUS – Bitootessa 09/2018

Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa badhaasa kaffaltii Baankii giddu galeessaafi ijaarsa bu’uuraalee misooma gabaa ‘Central Banking’ qopheessu argateera.

Baankichi bu’uuraalee misooma gabaa faayinaansii Itoophiyaa ijoo ta’an irratti fooyya’iinsa geggeessuu qabu raawwachuu isaa Sentiraal Baankingi beeksiseera.

Bara Faranjootaa 2024 as Baankichi biyyattii gara Imaammata Maallaqaa dhalaafi qaala’iinsa gatii irratti xiyyeeffatee akkasumas gara sirna sharafa alaa gabaa bu’uureffateetti ceesisuun isaa ibsameera.

Keessumaa hojiin jalqabbii gabaa kaappitalaafi kaazinaa(tireejara) beeksisuu irra darbee hojiiwwan hedduu raawwachuun isaa akka fakkeenyaatti eerameera.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny, badhaasichi karaa rifoormii dinagdee mandhaleen bu’uuraalee misooma gabaa guddisuun, akkasumas imaammata tamsa’ina maallaqaafi misooma itti fufaa cimsuun caalmaatti hojjechuuf kan nama kakaasu ta’uu ibsaniiru.

Beekamtiin kenname Itoophiyaan guddina diinagdee waaraafi damee faayinaansii cimaa ta’e ijaaruuf kutannoo qabdu kan mul’isu ta’uus akkasuma eerameera.

Dhaabbatni Badhaasa kana Baankii Biyyaalessaaf kenne “Central Banking publication” jedhamu ALA’tti Bara 1990 kan hundaa’e yoo ta’u Bara 2011 irraa eegaluun baankota hoggansa, innooveeshiniifi muuxannoo gaarii agarsiisan garaagaraaf beekamtii Idil Addunyaa kennuu irratti argama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply