Kantiibaa Adaanech Abeebee ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffachuun namoota kuma 100 ol ta’aniif maaddi qoodaniiru

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebee ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffachuun namoota kuma 100 ol ta’aniif maaddi qoodaniiru

AMN PLUS- Bitootessa 09/2018

Finfinneetti namoota harka qalleeyyii humna hin qabneef, qaama miidhamtootaafi namoota deeggartoota hin qabneef, sagantaan maaddii qooduu Kutaa Magaalotaa fi Aanaalee hunda keessatti taasifamaa akka jiru Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Yeroo Ramadaanaa kana keessa namoota kuma 27 ta’an ji’a guutuu buufata nyaataa 28 Magaalaa Finfinnee keessatti argaman hundatti sagantaan maaddii qooduutiin namootni rakkoo malee akka dabarsan taasifneerra jedhaniiru.

Maaddii Qooduun rakkoo yeroo gabaabaa furuuf qofa osoo hin taane kabaja uummataa ibsuu fi aadaa gargaarsaa jabeessuuf kan oolu ta’uu isaas himaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee sagantaa maaddii qooduu kana irratti dargaggoota humna isaaniitiin hirmaatan abbootii qabeenyaa waan qabanirraa qooduun gumaachaaniif jiraattota Magaalaa galateeffataniiru.

Keessattuu qoodiinsa maaddii har’a waajjira Kantibaa keessatti taasifameef kan gumaachan Hoji Gaggeessaa Olaanaa Invastimanti Group MIDROC kan ta’an Obbo Jamaal Ahimadiifi Imbaasii Gamtaa Imireetota Arabaa galateeffataniiru.

Ayyaanni kunis kan gammachuu fi kan waliif yaaduu akka ta’uuf Kantiibaa Adaanech Abeebee hawwii isaanii dhaamaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply