Beellama Cimaa Baarseloonaa Vs Niwukaastil Yuunaayitid Galgala Kana Sa’atii 2:45 Irraa Eegalu

You are currently viewing Beellama Cimaa Baarseloonaa Vs Niwukaastil Yuunaayitid Galgala Kana Sa’atii 2:45 Irraa Eegalu

AMN PLUS – Bitootessa 09/2018

Arseenaal, Ispoortiingi Lizban, PSG fi Riyaal Maadriid tikkeettii gara tapha nuusa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti isaan geessu harkatti qabataniiru.

Daandii gara nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti isaan geessurra kan jiran Baarseloonaafi Niwukaastil Yuunaayitid tikkeettii isaanii argachuuf wal-morkii daqiiqaawwan 90-120 sanarra darbee gara rukkuttaa adabbiin adda bahutti imaluu dandeessisu waliin qabu.

Tilmaama tapha duraan garuu Baarseloonaan abbaa dirree taphaa galgala kanaa tahuun dursee dubbii xumuruu akka danda’uu akeekameera.

Niwukaastil Yuunaayitid ammoo imala bara kana tapha Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa keessa darbeen kilaba salphaatti harka kennu akka hin taane akeektuwwan hedduun turaniiru.

Tapha miila jalqabaa galchii 1 qixa xumuruun beellama galgala kanaan kilabootni lameen carraa wal-qixa qabu.

Taphoota biroo Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’a halkan sa’atii 5:00 tti gaggeeffamuuf beellamni qabameefiin Baayermuunik vs Atalaantaa, Tootinaam vs Atileetikoo Maadriid akkasumas Liveerpuul vs Galaatasaraay waliin taphni qaban warreen eegamaniidha.

Taphoota kanneen keessaa taphni Liveerpuul dirree isaarratti Galaatasaraay waliin qabu marsaa jalqabaa olaantummaa Galaatasaraayiin galchii 1 fi 0’n xumuramuun galgala har’aa akka eegamu taheera.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply