AMN PLUS – Bitootessa 10/2018
Itti Fayyadamni Boba’aa Sirrii Hin Taane Isaan Kam?
• Konkolaataa osoo hin oofin motora qofa kaasuun tursiisuu. Kunis osoo konkolaataa hin oofin motora qofa kaasuun daqiiqaawwan hedduuf turuun deemsa tokko malee boba’aa KM baay’ee oofsiisuu dandeessisu balleessuudha.
• Saffisa humnaa ol ta’e. Konkolaataa saffisa olaanaan oofuun dhiibbaan qilleensaa akka dabalamu waan taasisuuf sana dandamachuuf jecha motora boba’aa hedduuu fayyadama.

• Tasa saffisa dabaluufi tasa fireenii qabuun boba’aa akka malee qisaasessa.
• Ulfaatina dabalataa. Konkolaataa keessaafi konkolaataa gubbaatti meeshaalee ulfaatoo fe’uun motorri humna akka baasuu waan taasisuuf itti fayyadama boba’aa akka dabalu taasisa.
• Dhiphina tiraafikaa. Xiqqoo deemaa dhaabbachuun yoo baay’atu motora waan dadhabsiisuuf boba’aa sirritti fayyadama.
• Maarshii gadi aanaan yeroo dheeraa oofuun boba’aa qisaasessa.
• Konkolaataa yeroo yerootti sakatta’uu dhabuufi akkaataa oofinsa boba’aa qusatu shaakaluu dhabuun boba’aan akka qisaasa’u taasisa.
• Hojii qulqullinaaf itti fayyadamuu. Akka uffata, lafa qulqulleessuuf ykn
motora konkolaataafi kanneen kana fakkaatan benziila ykn gaaziidhan qulqulleessuun boba’aa fixa.

• Waa ittin bilcheessuuf, cilee ittin qabsiifachuuf, balfa ittin gubuuf fayyadamuun boba’aa qisaasessa.
• Jenereetaraafi nyaata ittin bilcheessuuf boba’aa oolu sirreessuu dadhabuu
• Boba’aa pilaastikitti, qabee, baaldii ykn meeshaalee sirrii hin taanetti ka’uun boba’aa qisaasessuudha.
• Boba’aa iddoo nageenyi isaa hin eegamnetti kuusuu. Boba’aa iddoo nageenyi isaa hin eegamnetti kuusuun qisaasa’iinsa boba’aa caalaa balaadhaaf nama saaxila.
Itti fayyadama boba’aa sirrii hin taane irratti yaada dabalataa yoo qabaattan nuuf qoodaa!