AMN PLUS- Bitootessa 10/2018
Ministirri Muummee Itti Aanaa FDRI Obbo Tamasgeen Xurunaa “Baga Ayyaana Iid Al-Faxir Geessan” jechuun hordoftoota amantaa Islaamaa hundumaaf ergaa dabarsaniiru.
Obbo Tamasgeen ergaa isaaniin, Ayyaanni Iid Al Faxir guyyaa guddaa jireenyi gaarummaan kan itti eebbifamuu, ifti gammachuu Wal gargaaruu kan itti calaqqisu jechuun ibsaniiru.

Baatii Ramadaanaa Guddicha kanatti soomanni amantaa irra cehuun Wal akka yaadannu taasiseera, salaatni walitti nu dhiyeesseera, Ifxaarri Maaddii tokkoon akka Wal yaadannu taasiseera, tokkummaa Itoophiyaanummaa keenya gochaan nutti mul’iseera jechuun ergaa dabarsaniiru.
Duudhaaleen Iid Al Faxir duudhaalee Ijaarsa biyyaaf barbaachisaa ta’an keessaa tokko tahuus akkasuma Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa eeraniiru.
Misooma Itoophiyaa waaressuufi lammiileen Wal qixxummaan akkasumas haqa qabeessummaan akka fayyadaman hundi keenya iyyuu biyya keenyaaf waan dandeenyu hunda haa hojjannu” jechuun miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin ibsaniiru.