AMN PLUS – Bitootessa 10/2018
Rakkoo nageenyaa Giddugaleessa Bahaa keessatti uumame hordofee hanqinni boba’aa biyyoota addunyaa keessumaa boba’aa hin qabneefi hin oomishneetti uumamaa jiru guyyaadha guyyaatti hammaachaa dhufuu sabaa himaaleen addunyaa gabaasaa jiru.
Rakkoon hanqina boba’aa kun Itoophiyaattis mudachuu waan danda’uuf raabsitootni, buufataaleen boba’aafi fayyadamtootni eeggannoofi qusannoon akka itti fayyadaman Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad (PhD) yaadachiisuun isaanii ni yaadatama.
Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii akkasumas Ministeerri Bishaanii fi Inarjii illee qusannoon boba’aatti fayyadamuu irra darbee maloota geejjibaa konkolaattota elektirikaa fayyadamuun akkasumas mala imala magariisaa jajjabeessuun boba’aa qusachuun barbaachisaa ta’uu maloota qusannoo boba’aa garaagaraa jajjabeessaniiru.
Maarree Finfinnee keessattis haalli boba’aa qusannoon fayyadamuu kun hagam hojii irra akka oole ilaalchisuun AMN daawwii taasiseen, buufataalee boba’aa tokko tokkotti haala fayyadama boba’aa jiru ilaaleera.
Qindeessitootni Buufataalee Boba’aa magaalaa Finfinnee AMN’f yaada kennanis boba’aa miira itti gaafatamummaan guutameefi qusannaan raabsaa jiraachuu ibsaniiru.

Isaan keessaa Qindeessaan Buufata Boba’aa Lidataa Obbo Araggaa Kaasaa, qaamolee dursi isaaniif kennamuu qabu kanneen akka dhaabbilee fayyaa , hospitaalota, waajjiraalee mootummaafi kanneen biroof dursa kennuun boba’aa raabsaa jiraachuu ibsaniiru.
Qindeessaan Buufata Boba’aa Piyaassaa Obbo Tasfaa Kuraabbaachoo konkolaattota Saalvaatiyoo dabalataa qaban yoo dhufan haala barbaachisummaa isaan ilaalamee tokko irratti qofa kan waraabaniif ta’uu ibsuun, dursi kanneen kennamuuf akka ambulaansiifaa garuu dursuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbileefi waajjiraalee eyyema boba’aa waraabbachuu qabaniif dursa kan kennan ta’uu kaasaniiru.
Boba’aan karaa seeraan alaa akka hin gurguramneefi qusannaan fayyadamuuf akka danda’amuuf hordoffiifi to’annoon taasifamaa jiraachuu, Daayirektarri Komunikeeshinii Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Obbo Ashannaafii Birhaanuu ibsaniiru.
“Boba’aan, gaasiin adiis ta’u beenzilli akka karaa seera qabeessa hin taaneen hin gurguramne hordofaa jirra” kan jedhan Obbo Ashannaafiin, akka malee akka hin buusneefi tajaajila karoorfameefiin ala waan biraaf akka hin oolle xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu himaniiru.
Buufataalee boba’aa mara irratti guyyuu safartuun (Diip Istiikiin) yeroo lama akka adda baasaa jiran ibsuun, hanqinni akka hin uumamneef qaamoleen hawaasaa hundumtuu boba’aa qusannaafi miira itti gaafatamummaan guutameen akka fayyadaman yaadachiisaniiru.
Malkaamuu Abbabaatu qindeesse